Seenaa gooticha Abdiisaa Aagaa

SEENAA DINQISIISAA- ABDIISAA AAGAA




Abdiisaa Aagaa bara 1928 bara weerarsa
Xaaliyaanii booji’amee gara biyya
Xaaliyaanii erga geeffameen booda uffata
qorraa tatarsaasee walitti fo’uudhaan mana
hidhaa warra Xaaliyaanii keessaa of baasuun
nama biyya sana keessatti tapha gootummaa
dinqisiisoo raawwate dhala Oromoo bara
sana loltuu Impaayera Itiyoophiyaa ture.
Abdiisaan kan dhalate Oromiyaa gama lixaa
Wallagga keessatti ture.

Abbaan Abdiisaa yommuu inni waggaa 12
turetti obboleessa isaa ykn Wasiila Abdiisaa
aariidhaan ajjeesee mana hidhaa keessa
yeroo turetti Abdiisaan abbaa isaa mana
hidhaa keessaa baasuuf yaalii hedduu gochaa
turus otoo isaaf galma hin gahiin murtiin
du’aa waan irratti darbee tureef du’aan
lafarraa jalaa godaane. Waggaa 2 booda
waggaa 14ffaa isaatti gara waraana
Impaayera Itiyoophiyaa yeroo sanaatti
makamee sochii loltummaa eegale. Erga
dirree waraanaa seeneen waggaa 2 booda
waggaa 16 yommuu guutu gaggeessaan biyya
Xaaliyaanii Mosolooniin haaloo mo’amuusaa
isa jalqabaa bahuuf dhaadachuun gara biyya
kanaa dhufuun waan weerareef Abdiisaanis
adda waraanaatti hirmaachuun waraanuu
eegale.

Waraana irratti balaan madaa’uu cimaan
waan isa qunnameef erga yaalii fayyaa irra
tureen booda Magaalaa Finfinnee naannoo
amma Piyaassaa jedhamu kanatti mana tokko
keessatti hidhaa dhaabbii irra ture. Yeroo
sanatti Itiyoophiyaa akka bulchuuf
Xaaliyaanotaan kan muudamee ture nama
maqaan isaa Giraaziyaanii jedhamu irratti
yaalii ajjeechaa gootanittu namoota
jedhamuun shakkaman 37 mana hidhaa
keessatti hidhaa dhaabbiin erga dararama
guddaa dhamdhaman booda karaa bittaa
Xaaliyaanii jala kan turte Somaaliyaa
fuudhanii Abdiisaa fi namoota kana hunda
gara cittuu lafaa kan Xaaliyaanii Siisiiliitti
hidhaman taasifaman.


Abdiisaan nama yeroo maraa ani maaliifan
mo’amaa? mo’amuun anaaf du’a jedhu waan
tureef lammii biyya Yuugozlaaviyaa kan ta’e
Huuliyoo nama jedhamu waliin wal ta’ee
mana hidhaa eegichi cimaan godhamuuf
kana keessaa haala ittiin badu mala
dhayachuutti ka’e.
Yoo mana hidhaa kana keessa bades biyya
inni itti badu kun ammas isaaf keessummaa
taatus of bilisoomsuuf jecha uffata qorraa
isaaf laatame tatarsaasee walitti fo’uudhaan
karaa foddaa bahe.

Kana booda garuu jalaa baqa hin turre kan
eegale. Guyyoota muraasa booda halkan gara
mana hidhaa sanatti deebi’ee dhaquun
eegdota mana hidhaa sanarratti dhukaasa
banuun hidhamtoota achi keessa turan
gadhiisisees ture. Namootni mana hidhaa
sana keessaa bahanis garee mormitootaa isa
yeroo ammaa kana bilisa baasaa jedhamuu
kana meeshaa eegdota mana hidhaa irraa
saaman fayyadamuun ijaarratanii gooticha
Abdiisaa Aagaas akka gaggeessaa isaanii
ta’uuf sagalee guutuun filatan. Gareen kunis
ejjennoo isaanii haala cimaan jabeeffachuun
mooraa loltootaa Xaaliyaanii hedduu
rukuchuudhaan isa biyya Itiyoophiyaa
jedhamtu keessatti isaan qunname caalaa
balaan amma karaa gartuu Abdiisaafaa
isaanirra gahaa jiru humnaa ol itti ta’aa
dhufe.

Waraana Abdiisaatiin kan hunkuraman
Xaaliyaanotni kennaa fi wantoota adda addaa
waadaa galuufiin akka gara waraana
isaaniitti makamuufillee kadhataanii ture.
Abdiisaanis Faashistoota waliin akka hin
hiriirre jala sararee isaan hubachiisuun
daraan Xaaliyaanota dhiphisuusaa itti fufe.
Waqtii sana baay’ee ho’aa kan dhufe sirni
Naazii Jaramanii waraana addunyaa
lammaaffaa yommuu eegalu Faashistichi
Mosolooniin Jarmanoota faana
soddoomuusaatiin kan ka’e
Biritaaniyaa,Faransaayii fi Ameerikaan
biyyoota dhihaa waliin wal ijaaruun
Mosoloonii waraanuu eegalanii ture.
Gamtaan sunis maqaa Abdiisaa erga
dhagahan booda humna Mosoloonii
dadhabsiisuuf jecha meeshaa waraanaa fi
kanneen biroo kennuufii eegalan. Gargaarsa
sanaan jabaachuun Xaaliyaanota lafa isaan
dhaabbatan hunda qilee erga itti godhaa
tureen booda humni waraanaa Xaaliyaanii
kufuusaatiin magaalaan guddittiin
Xaaliyaanii Ameerikaa fi Biritaaniyaa harka
waan seenteef Abdiisaanis loltoota isaa
biyyoota adda addaa irra walitti dhufan irree
isaaniirratti alaabaa addaa yeroo sanaa irree
isaanii irratti akka godhan taasisuun
yommuu magaalaa Roomaa seenan gamtaan
waraanaa Idil Addunyaa yeroo sanaa
simannaa baay’ee ho’aa taasiseef.

Kana itti aansuun loltoota dabalataa kan
gamtaa waraana Idil Addunyaa yeroo sanaa
jalatti bulu tokko gaggeessuudhaan waraana
isa dhumaa Jarmaniin mo’achuuf
gaggeeffame sirnaan dirqama isaa baheera.
Erga waraanni xumurameen boodas
Mootummoonni akka Biritaaniyaa,Ameerikaa
fi Kanaadaa akka waraana isaanitti
makamuun itti fufuuf faayidaa adda addaa
dhiyeessaniifi ture. Abdiisaani akka biyyasaa
dhiisee jiraachuu hin feene itti himuun
gaaffii biyyoota kanaa kufaa godhe.
Isinitti hin makamu jechuun gaaffii isaanii
jalaa waan kuffiseef maqaa yakka jedhuun
Abdiisaatiin gamtaan waraanaa Idil
Addunyaa sun mana hidhaa isa galchanii
ture. Hidhaan sunis boodarra gara adabbii
qarshiitti jijjiirameefii kaffaaltiinis
xumuramee kabajaan gara biyyaatti deebi’e.
Bulchaan biyya Itiyoophiyaa yeroo sana
Hayile Sillaaseen kabajaan erga Abdiisaa
Aagaa siamteen booda gara Ministeera Ittisa
Biyyaa yeroo sanaa kan ture Raas Abbabaa
Aregaay nama jedhamuuttis ergee ture.
Ministirichis gara mooraa loltootaa xiqqoo
Hoolotatti argamtuu tokkotti erguun aangoo
loltummaa xiqqoorra kaa’e. Haa ta’uyyuu
malee Hayile Sillaaseen namootni adiin
yommuu dhufanitti waa’eesaa yommuu
odeessan waan dhaga’eef gara masara
mootummaatti waamuun Kolooneelii
taasisuun muudama laateefii. Hamma
lubbuun isaa darbutti hojii irra ture.


Waan dubbistaniif galatoomaa!


Madda: Fuulbarruu Odaa gurree

Comments

Popular Posts