Beekumsa nyaataafi fayyaa keenya irratti haa gabbifannu??

Bootstrap 3 Responsive Layout Example










         Nyaataafi fayyaa

Waa'ee nyaataafi fayyaa keenyaa sirriitti haa barannuu! Fayyaan faaya!

  •  Fayyaan nageenya!
  • Fayyaan miidhagina!


Waa'ee faayyaa keessan sirriitti beeku yoo barbaaddan, karaa marsiiriitii kanaan baradhaa??

Akaakuu soorataa irratti ibsa xiqqooshe:


Fedhiin dhalli namaa soorataaf qabu guyyaa dhalootasaarraa eegala. Sababiinsaas wantoonni guddinaafi fayyina qaamaaf nubarbaachisan sooratarraa argamu. Sooranni kun ammoo adeemsa jireenyaatiif kanneen bu’uura ta’anidha. Sooranni kunis haala isaan qaama keenyaaf faayidaa kennanirratti hundoofnee bakka afuritti qoodnee ilaaluu dandeenya. Isaanis: 
  • soorata annisaafi humna nuuf kennan,
  • kan qaama keenya ijaaran,
  • kan dhibee nurraa ittisuu danda’an,
  • kan qaama keenyaaf albuuda kennuu danda’anidha. 
Qaamni keenya iddoo tokkoo gara iddoo biraatti sochoo’uuf dalagaalee garaagaraa raawwachuuf annisaa barbaadu. Sooranni annisaafi humna kennu kun ammoo kaarboohyidiratii jedhamuun beekama. Kunis qaama keenyaaf humna, nyaata keenyaaf mi’aa kenna. Akkasumas akka madda ho’aattis nu tajaajila. Akaakuun nyaataa keemikaalaa kana irraa argannus, sukkaara, damma, qamadii, garbuu, boqolloo, mishingaa, ruuziifi kan kana fakkaatanidha. Gartuulee midhaanii kanarras daabboo, buddeena, marqaa, akaayii, paastaafi kan biroollee qopheessuun ni danda’ama.  

Dabalataanis, sooranni qaama keenya ijaaruun suphanis akaakuu soorata biroodha. Akaakuun soorataa kunis, pirootiinii jedhamuun beekamu. Pirootiiniin bineeldotaafi midhaan addaa addaarraa argama. Fakkeenyaaf, burqaan pirootiinii bineeldota keessaa foon lukkuu, aannan, hanqaaquu, foon looniifi qurxummiidha. Midhaan dheedhii keessaa ammoo kanneen akka baaqelaafi ataraati. Faayidaan pirootiinis seelota qaamaa ijaaruu, wal’aanuufi fayyaa qaamaa eeguudha. 

Akaakuun soorataa kan biroon kan dhibee nurraa ittisanidha. Gartuun soorata kanaas Vaayiitaminii jedhamuun beekama. Akaakuun soorata kanaas qaama keenya dhibeee dhukkubaarraa ittisuuf nugargaara. Kunis fayyaa qaamaa eeguu keessatti iddoo guddaa qabu jechuun nidanda’ama. Gartuun nyaataa kanaas Vaayiitaaminii jedhamuun beekama. Maddi nyaata kanaas irra caalaatti biqiloota, muduraafi fuduraa yookaan ashaakiltiidha. Gartuun kunis fuduraalee kanneen akka raafuu, qaaraa, salaaxaa, timaatimaa, loomii, kaarootii, burtukaana, paappayaa, anaanaasii, qaaraafi kan kana fakkaatanidha. 

Akaakuun soorataa kan biroon warreen qaama keenyaaf albuuda kennanidha. Albuudonni kunis nyaata addaa addaarra argama. Albuudonni qaamaaf dantaa guddaa qaban Kaalsiyeemii, Foosfarasii, sibiilaafi ayoodinii jedhamuun beekamu. Foosfarasiin killee yookaan foon irraa; kaalsiyeemiin aannan irraa; sibiilli xaafii diimaa irraa; ayoodiniin soogidda irraa argamuu danda’a. Faayidaan albuudota kanaas lafeefi ilkaan akka jabaatan gochuufi hanqinni ayoodinii quufa mormaa, hanqinni sibiilaammoo aneemiyaa dhibee jedhamu namatti fiduu danda’a.

Walumaagalatti, akaakuu soorataa gama faayidaa isaaniitiin iddoo afuritti qoodamanii ilaalamuu danda’u. Isaanis, 

  • soorata annisaafi humna nuuf kennan, 
  • kan qaama keenya ijaaran
  • dhibee nurraa ittisuu danda’aniifi 
  • qaama keenyaaf albuuda barbaachisoo nuuf kennanidha.

Xaafii



Faayidaa buddeena Xaafii nyaachuu irraa argannu:

Namootni hundumtuu osoo buddeena xaafii nyaatee ni jaal'ata, kunis immoo sababa lallaafuuf tahuu danda'a. Ani xaafii nan jaal'adha, yeroo darbe gatiin isaa akka malee dabalee ture. Anis xaafiin maaluma qabaayyuu akka kana dabale jedheen itti yaade. Garuu qorannoon Itoophiyaa fi biyya alaattii adeemsifame tokko buddeena xaafii nyaachuun faayidaa armaan gadii qaba jedha.



1. Dhiibbaa dhiigaatiif ni gargaara.Kunis elementii soodiyeemii xiqqoo waan qabuuf.

2. Hamma giluukoosii dhiiga keessa jiru ni xiqqeessa, kunis namoota dhibee sukkaaraa qabaniif gaariidha.

3. Ayiranii fi albuudota fayyaa dhala namaaf barbaachisoo tahan of keessaa qaba.

4.Vaaytaaminoota fayyaa namaatiif murteessoo tahan of keessaa qaba.

5. Jabina lafeefi ilkaan keenyaaf ni gargaara,kunis albuuda kaalsiyeemii gahaa waan of keessaa qabuuf.

6. Gartuulee soorataa kan akka kaarbohaaydireetii,pirootinii baayinaan,faattii hammaan xiqqoo tahe of keessaa qaba.

7. Namoota kuduraaleefi fuduraalee qofa sooratan(vegans) ,kan foon,buuphaa fi kanneen biroo hin sooranne akka madda pirootiniitti fayyada.

8. Pirootinii giluuten jedhamu irraa bilisa.






Learn More »



Qullubbii diimaafi faayidaa isaa(health benefits of onion):






Mi'eessituu soorata keenyaa kan tahe qullubbii diimaa guyyaa guyyaan akka fayyadamnu ni beekama. Mee faayidaa inni fayyaa keenyaaf qabu muraasa haa ilaalluu.

1. Hojjaa Vaayitamin. C haalaan mijeessuun ittisa qaamaaf ga'ee guddaa taphata.

2. Qabiyyee keemikaala "Chromium" jedhamu waan of keessaa qabuuf sukkaara qaama keenyaa bakkatti eega

3. Infekshiniifi inflammation (kulkula) qaamaa fayyisuuf gargaara.

4. Qullubbii diimaan dheedhiin yoo nyaatame keemikaala "quercetin" jedhamu kan kaansarii hamma tokko nurraa lolu of keessaa qaba.

5. HDL qaama keenya keessaa kan "good cholestero" jedhamu fayyummaa keenyaaf gargaaru akka ijaaramu godha.

6. Yoo kannisaan ciniinamtan bakka ishiin ciniinte sanitti yoo cuunfine dibne dhukkubbiifi kulkulfannaa isaa ni balleessa.

7. Vaayitaamiin. A ga'aa ofkeessaa qaba waan ta'eef akka madda vaayitaminaa kanaatti ni gargaaramna.






Learn More »



Faayidaa hanqaaquu soorachuu( health benefits of an egg):





Hanqaaquun nyaata fayyaa ilma namaaf barbaachisan keessaa isa tokko. Gosoonni hanqaaquu hedduu ta'uus har'a kan ilaallu faayidaa hanqaaquu lukkuuti.

Hanqaaquun lukkuu qabiyyee hedduu kan fayyaa keenyaaf oolan of keessaa qaba. Isaanis kanneen akka:- 
                                                    
  • vaayitaamin. A, B, D, E, K
  • albuudota akka Pootaasiyeemii, Seeleniyeemii, Foosfarasii, Ziinkii,fi 
  • pirootiinii kolestiroolii gaarii(HDH), Choline fi kkf of keessaa qaba. Qabiyyeen isaa kunneen immoo fayyaa qaama keenyaaf baayyee murteessodha.
Faayidaa hanqaaquu lukkuu keessaa muraasni:-

1. Dandeettii dhibee dandamachuu (madinummaa)qaama keenyaa ni dabala.Kun hojii Vaayitaamiin A,B12,fi Seeleniyeemii tii.

2. Fayyummaa sammuu keenyaaf ni gargaara.....kun hojii:- Choline, albuudota fi Vaayitaaminoota garagaraa tii.

3. Ulfaatina qaamaa garmaleef akka hin saaxilamne fi yoo jiraate immoo hir'isuuf ni gargaara

4. Fayyummaa ija keenyaaf hedduu gargaara.....kun hojii luteinfi zeaxanthin tii.

5. Cimina ykn jabina maashaaf ni gargaara.... kun hojii pirootiinii tii.

6. Fayyummaa gogaa keenyaaf ni tola... hojii Vaayitaamiin. Afi qabiyyee biroo ti.

7. Ulfa fayyaa ta'e godhachuuf....kun hojii Vaayitaamiin.9 ykn fooleet tii.

8. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti carraa dhukkuba onnee, sammuu keessatti dhiiguu ykn ujummooleen dhiiga sammuutti geejjiban cuqaalamuu(stroke) ni hir'isaa.....kun hojii cholinefi kolestiroolii gaarii (HDL) ti.

9. Madda annisaa gaariidhaa.


10- Walumaagalaatti guyyaatti hanga hanqaaquu 2-3 nyaachuun fayyaa keenyaaf gaariidhaa.

11- Asirratti yommuu hanqaaquu fayyadamtan kan yeroon isaa irraa hin darbinee ykn kan hin samne ta'uu qaba.

12Yommuu olkeessan yoo qabaattan firiijii(kottoleessaa) keessa, yoo hin qabaanne ta'e immoo iddoo qorraa olkaa'uu qabduu.

13- Hanqaaquu dheedhii dhuguun hin gorfamuu.

Hubachiisa:- namni tokko tokkoo kan hanqaaquun aleerjii itti ta'u jiraachuu danda'a, namni kun nyaachuu dhiisuu ykn ogeessa fayyaa mariisiisuu qaba.





Faayidaa dinnichaa (mosee)(health benefits of potato 🥔):





1. Dhiigni keenya qixa sirriin akka naanna'uuf,

2. Mallattoolee dullumaa fuula keenyarratti mul'atan ni xiqqeessa,

3. Kaanserii dhorkuuf,

4. Hirriba ga'aa argachuuf,

5. Ashaboofi cooma irraa bilisa waan ta'eef dhiibbaa dhiigaaf ni tola,

6. Namoota dhukkuba shukkaaraan hubamaniif ni tola,

7. Jabina lafee keenyaaf,

8. Hanga "cholesterol" qaama keenya keessaa ni xiqqeessa,

9. Kaaloorii cimaa hangaan 110 ta'e of keessaa qaba,

10. Vaayitamin B6 ol'aanaa of keessaa qaba.



Faayidaa raafuu (goommanaa)(health benefits of cabbage 🥬):



1. Dhibee kaanserii nurraa ittisa,

2. Dhiitoo qaama keenya irraa ni ittisa, Dhukkubbii buusaa(joint) irraa nu ittisa, utaalloof ni gargaara,

3. Fayyaa ija keenyaa ni fooyyessa,

4. Furdina qaamaa gar malee ta'e ni xiqqeessa,

5. Fayyaa sammuu keenyaa ni fooyyessa,

6. Fayyaa lafee keenyaaf ni gargaara,

7. Dulloomuu yeroo malee nurraa ittisa,

8. Dhiibbaa dhiigaa keenya ni fooyyessa,

9. Dhukkubbii maashaa ni ittisa,

10. Dhiiga keenya qulqulluu taasisuun summaa'uu qaamaa ni ittisa,

11. Vaayitaamiin E 'n kan badhaadhe waan ta'eef fayyaa gogaa keenyaaf, qaroo keenyaaf, fayyaa rifeensa keenyaaf ni gargaara,

12. Madaa'uu garaa keenyaa ni ittisa,

13. Bowwuu mataa ni fooyyessa,

14. Quufa mormaa(gout) nurraa ittisa.
Kanaafuu raafuu soorachuun faayyummaa qaamaaf ni gorfama.





Faayidaa talbaa (health benefits of flax seeds ):




Nyaatni talbaa bu'aawwan soorata fayyaa keenyaaf gaarii kan ta'an kanneen akka:
  •  pirootinii
  • faayberii
  • Vaayitaamin B-1fi B-6
  • Seleniyeemii,
  • Omeegaa-3 faatti asiidii
  • Foosfarasii
  • Koopparii
  • Magnishiiyeemii
  • Manganesii,fi kkf'n  kan badhaadhe dha.
Daakuu talbaa fal'aana shorbaa tokko Omeegaa-3 faattii asiidii giraama 1.8 tu argama.

Mee faayidaa talbaa keessaa muraasa isaanii:
  • dhiphina sammuu ni hir'isa(ittisa),
  • fayyummaa garaachaafi, mar'ummaaniif, 
  • fayyummaa gogaafi rifeensaaf,
  • dubartii dhala dhabdeef
  • dhukkuba onnee gara garaaf, 
  • kaanserii gara garaa ni ittisa,
  • dhukkuba shukkaaraa ittisuufi to'achuuf.







Faayidaalee qullubbii adii( health benefits of garlic):






1. Dhibee biroonkaayitii cimaa ni fayyisa,

2. Dhibee asmiif,

3. Dhibee gogaa qaama keenyaaf,

4. Dhibee mar'ummaan keenyaaf,

5. Dhibee dhiitoofi dhullaaf,

6. Dhibee kintaarootiif,

7. Dhibee buusaa qaamaaf,

8. Madaa ni qoorsa,

9. Dhabiinsa hirribaa ni hir'isa,

10. Qaamni keenya dhibee akka dandamatuuf,

11. Miira dhukkubbii ilkaanii ni hir'isa,

12. Dhibee shukkaaraa ni salphisa,

13. Fedhiin nyaata keenyaa akka banamuuf ni gargaara,

14. Itita dhiigaa ni hambisa,

15. Dafanii dulloomuu ni hir'isa,

16. Raammoo garaa keessaaf ni fayyada,

17. Qufaa daa'immanii adda hin citne ni fayyisa,


18. Nyaatni akka daakamu ni taasisa,

19. Babal'ina kaanserii piroostireetii ni dhorka,

20. Kaanserii harmaafi buubbuu (anus) ni dhowwa,

21. Kaanserii hadhooftuu ni dhorka,

22. Tatamsa'ina kaanserii kooleenii jedhamu ni dhowwa,

23. Seelii (metabolism) ni dadammaqsa,

24. Dhibee saal-qunnamtii (trichomoniasis) ni fayyisa,

25. Madaa malaa makate ni fayyisa,

26. Dhibee sombaa(TB) ni yaala,

27. Dhibeewwan hargansuu waliin wal qabatan ni fayyisa,

28. Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa,

29. Hamma koolestroolii ni to'ata,

30. Dhibee ujummoo dhiigaa dhiphisu(itirooskiliiroosis) ni faccisa,

31. Dhibee ijaa kaataaraaktii sababa umriin dhufu ni fayyisa.





Faayidaa Anaanaasii(health benefits of pineapple 🍍):






Anaanaasiin tokko hamma Vaayitaamiin C guyyaatti barbaadamuu ol waan qabuuf:

  • sirna ittisa qaama keenya ni jabeessa, 
  • dandeettii qaamni keenya dhukkuba garagaraa of irraa ittisuu olkaasa,
  • fayyummaa Irgaafi ilkaanitiif,
  • irga dhiiguuf madaayeef heddu gaariidha,
  • madaan qaamaa dafee akka fayyu ni gargaara,
  • Pootashiyeemi guddaa waan of keessaa qabuuf, fayyummaa kaleefi onnee keenyaaf gaariidha, 
  • dhiibbaa dhiigaa hamma tokko hirrisuu irratti gahee qaba,
  • Vaayitaamiin A hamma tokko of keessaa qaba,kunis fayyumnaa ija keenyaaf gaariidha,
  • Faayber (nyaata qaamaan hin bullofne) hedduu of keessa waan qabuuf, garaan akka nama hin gogne ni godha,
  • hamma sukkaara dhiiga keessa jiru hanga tokko madaalawaa akka ta'u ni godha,
  • fayyummaa mar'ummaan keenyaaf faayidaa guddaa qaba,
  • nyaanni nyaanne dafee akka daakamu ni si'eesa,
  • keemikaalotafi albuudota kan biroo kan fayyummaa gogaa, lafeefi carraa kaansaroota tokko tokkoo hirriisan hedduu of keessaa waan qabuuf fuduraa gaariidha.






Faayidaa aannan loonii (health benefits of Cow’s 🥛):




Qabiiyyeen Kaalsiyeemii (Calcium) inni of keessaa qabu, nyaata kamiinuu waan hin dorgomamnedha. Kaalsiyeemiin ammoo waan lafeen ittiin ijaaramudha. Pirootiina (Protein) inni of keessaa qabu faayidaa ol’aanaa kan qabuudha, qaama ijaara, madda anniisaa cimaadhas.

Akka anniisaa kennuufi qaama namaa ijaaruun, ulfaatina qaamaa garuu akka maddeen Pirootina biroo garmalee hin dabalu. Elementootaafi Vaayitaaminoota nu barbaachisan armaan gadii of keessa qaba:

  • Aannan loonii burcuqqoo (cup) tokkichi (244 gm),
  • Annisaa: 146 kcal,
  • Pirootiinii: 8 gm,
  • Cooma: 8 gm,
  • Kaalsiyeemii: haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 28%,
  • Vaayitaamin D: haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 24%,
  • Vaayitaamin B2: haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 26%,
  • Vaayitaamin B12: haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 18%,
  • Elementii Pootaasiyeemii: haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 22%,
  • Elementii Seleniyeemii: haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 13% of keessaa qaba.

HUBACHIISA: Aannan loonii yoo dhugnu, kallattumaan yoo dhugne dhukkuboonni tokko tokkoo nutti darbuu malu. Kanaaf haga dandeenye danfisnee dhuguu qabna.




Faayidaalee kaarootiin qaama keenyaaf qabu( health benefits of carrot🥕):




Kaarootiin fayyaa ilma namaaf wantoota barbaachisan keessaa isa tokko. Innis qabiyyeewwaan hedduu fayyaa qaama keenyaaf barbaachisan kan akka:
  •  'alpha & beta carotene'
  • vaayitaminoota
  • albuudota garagaraa fi 
  • kompaawundoota biroo of keessaa waan qabuuf kaaroota yoo kan argannu ta'e guyyaa guyyaan soorata soorattan keessa galchuun faayidaa hedduu argattuu.

Faayidaalee isaanii keessaa muraasni:-

1. Dandettii dhibee dandamachuu/madinuummaa qaama keenyaa ni dabalaa,
2. Fayyummaa ija keenyaaf hedduu gargaaraa,
3. Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuufi rakkoolee ulfaatina garmalee ta'e waliin walqabatanii dhufan nurraa qolataa,
4. Hammi sukkaara qaama keenya keessa jiru madaalawaa akka ta'uufi nama dhukkuba sukkaaraa qabuuf immoo nyaata gorfaman keessaa isa tokkoo,
5. Rakkoolee onneefi sirna dhiigaa waliin walqabatan kan akka dhukkuba onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaafi kkf nurraa ittisa,
6. Sirna bullaa'insaa nyaataa akka si'aa'uuf ni tola,
7. Dhibee kaanseerii garagaraa kan akka kaanseerii dhiigaa, sombaa, mar'ummaan furdaafi kkf ni ittisaa,
8. Fayyummaa lafeefi gogaa keenyaaf ni tola,
9. Madaan(wound)dafee akka fayyuuf ni gargaaraa.

Hubachiisa:
 qorannoon garagaraa akka ibsutti kaarootii dheedhii isaa nyaachuun faayidaa armaan oliitti jenne kanneen caalatti argachuu dandeenya jedha, kanaaf isinis osoo dheedhii isaa nyaattanii gaariidha, garuu qulqullina isaa sirriitti eeguu qabdu ykn sirriitti dhiquu qabdu.





Avokaadoofi faayidaa isaa(health benefits of avocado 🥑):





Avokaadoon kuduraa fayyaa keenyaaf gaarii waan ta'eef hayyootni fayyaa kuduraa fayyaaf ba'eessa ykn gaarii (healthy fruits) jedhamee akka waamamu irratti walii galameera.

Faayidaalee Avokaadoon fayyaa keenyaaf qabu keessaa muraasni:

1. Fayyummaa onneef (healthy heart),

2. Dhiibbaa dhiigaaf (blood pressure),

3. Fayyaa ijaaf,

4. Dhukkuba kaansarii ittisuuf (cancer protection),

5. Dhibee sukkaaraaf (diabetes),

6. Dubartii garaatti baattuuf(ulfaaf) daa'ima fayya qabeessa argachuuf (for pregnant woman),

7. Fayyaa lafee keenyaaf,

8. Carraa mukaa'uu keenya gadi buusuuf (for depression),

9. Gogiinsa garaa ni hir'isa,

10. Ulfaatina sirreessuuf (for weight loss),

11. Dulluma yeroo malee hir'isa (for anti-aging),

12. Fayyummaa gogaa fi rifeensaaf (Skin benefits).

Hubadhu: faayidaan avokaadoo kanneen armaan olitti tarreeffaman qofa ta'uu dhiisuu danda'a. Haa ta'u malee, namootni qoricha (daawaa) dhiiga qal'isan kanneen akka "warfare" fa'a fayyadamtan al tokkoon baay'isanii fudhachuun miidhaa mataasaa qabaataa.




Faayidaalee Mooringaa(Shifarraa)(health benefits of moringa)




1. Infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu ni danda'a,

2. Dhiitoofi bishaan qabaachuu qaamaa hin barbaachifne ni ittisa(anti inflammatory),

3. Carraa dafanii dulloomuu keenya ni hir'isa
(anti-oxidants),

4. Qaamni keenya dandeettii ittiin dhibee ofirraa qolachuu danda'u ni dabala,

5. Qaamni keenya yoo madaa'e dafee akka fayyuuf ni gargaara,

6. Baakteeriyaafi fangasiin akka qaamni keenya hin hubamne ni taasisa,

7. Guddina rifeensa keenyaa ni dabala ,fayya qabeessummaa rifeensa keenyaafis ni tola,

8. Fayyummaa gogaa keenyaaf,

9. Farra kolestiroolii ti,

10. Annisaa ykn humna ykn jabina qaama keenyaaf ni kenna,

11. Fayyummaa ija keenyaa eeguun argaa keenya dabala,

12. Dhiibbaa dhiigaa keenya ni sirreessa,

13. Ulfaatina qaama keenyaa ni sirreessa,

14. Dhibee onneef akka hin saaxilamne gargaara,

15. Dhiitoo xannachoota dhibeef nu saaxilan malaan nurraa ittisa,

16. Bullaa'insa nyaataaf ni gargaara,

17. Mukaa'uu ittisee si'oomina uuma,

18. Qoncooruufi dulloomuu yeroo malee gogaa keenyarraa ittisa,




Faayidaalee appiliin qaama keenyaaf qabu(health benefits of apple 🍎):





Apple soorachuun faayidaalee inni qabu baay'ee ta'ullee isaan keessaa muraasni kunoo:-

1. Dhibee kaanserii nurraa ittisa,

2. Fayyaa lafee keenyaaf,

3. Fayyaa sammuu keenyaa bara dullumaaf,

4. Kolestiroolii qaama keenya keessaa ni xiqqeessa,

5. Fayyaa onnee keenyaaf,

6. Qaamni keenya dhibee garaa garaa akka dandamachuu danda'uuf ni gargaara,

7. Dhibee asmiif ni fayyada,

8. Qulqullummaafi fayyaa ilkaan keenyaaf ni gargaara,

9. Carraa dhibee shukkaaraan qabamuu keenya ni xiqqeessa,

10. Furdina qaamaa gar malee nurraa ittisa.

Faayidaalee hedduu waan qabuuf "Apple" haa soorannu!





Faayidaalee Paappayyaa(health benefits of papaya):





Sooratni paappayyaa faayidaa nuuf kennu hedduu keessaa muraasni kanneen armaan gaditti tarreeffaman kana:

1. Daakamuu soorataaf,

2. Ulfaatina qaamaa gar malee nurraa ittisa,

3. Laguun fayya qabeessa akka ta'u ni gargaara,

4. Infeekshiniif,

5. Sooratni kun qabiyyee farra kaanserii of keessaa qaba,

6. Fayyummaa gogaa keenyaaf,

7. Dhibeen akka hin qabneef dandeettii dandamannaa qaama keenyaaf dabala,

8. Dhukkubbii ilkaaniif,

9. Kolestiroolii qaama keenya keessaa ni hir'isa,

10. Dhibee asmiif,

11. Fayyaa lafee keenyaaf,

12. Fayyaa rifeensa keenyaaf,

13. Finniisa nurraa ni hir'isa,

14. Dhibee onneef illee ni gargaara!





Garbuufi faayidaalee isaa(:





Garbuun faayidaalee danuu qabu keessaa muraasni kan armaan gadiiti:
  • dhibee xannachaa ni ittisa,
  • Alerjii irraa nu fayyisa,
  • dhiiga keenya ni qulqulleessa,
  • dulluma yeroo malee ni ittisa,
  • Annisaa ni kenna,
  • ullfaatina qaamaa hir'isuuf,
  • madaan qaama keenya dafee akka fooyya'uuf,
  • "Cholesterol" qaama keenya keessaa ni hir'isa,
  • dhibee asmiif,
  • daakamuu soorataaf,
  • dhibee ofirraa ittisuu qaama keenyaa ni dabala,
  • fayyummaa gogaa keenyaaf,
  • fayyummaa rifeensa keenyaaf,
  • lafee fayya qabeessa taasisa.
Kanaafuu garbuu soorachuun fayyinaafi dhukkuboota gara garaa nurra ittisuuf ni fayyada! Fayyaan keessan qabeenya!




Faayidaalee habahabaa (health benefits of watermelon 🍉):



⇒ Warra dhiiraatiif,
  •  habahabni akka "natural viagra" ykn viyaagraa uumamaatti ni hojjata jadha qorannoon. Qabiyyee "aminoo asiidii citrulline" jadhamu waan of keessaa qabuuf, ujummoo dhiigaa diriirsee ballisuudhaan dhiigni akka sirriitti yaa'u gochuudhaan warra dhibee "mild irrectile dysfunction" qabu ykn meeshaan hin dhaabbanneef akka wal'aansaatti ni gargaara,

mineraalotaafi Vaayitaaminoota akka Vaaytaamin A, B fi C of keessaa qaba. Dabalataan qabiyyee "citruline" " choline" fi "lycopene" faa of keessaa qaba.( "lycopene" qabiyyee haalaan barbaachisan kan habahab'tu of keessaa qaba jadhamee barbaadamuudha),

dhukkubbii buusaawwaniifi maashaalee( muscle soreness) ni hir'isa. Ykn istiraappoo isa jadhan san namarraa ni wayyeessa. ( "citrulline" faatu shoora kana taphata),
fayyummaa qaroofi ija keenyaaf gaariidha.( "lycopene" fi Vaayitaamin C faatu shoora kana taphata),
fayyummaa onnee keenyaaf hedduu gaariidha. (sababni isaa ,dhiibbaa dhiigaafi hamma "cholestrole" haga tokko waan gad buusuufi),

keemikaalota summaawaa qaama keessaa ni baasa. ( antioxidant),
kaansarrii tokko tokko ittisuuf ni fayyada,
bullaayina nyaataa ni si'eessa,
kulkula ( inflammation) qaama keessa jiru ni hir'isa. Kuni dhukkuboota turaa ( chronic diseases) ittisuuf bu'aa qaba.

fayyummaa irgoof ( shoora vaayitaamin C'ti),

rifeensa keenyaafi gogaa keenyaaf bu'aa qaba. Dabalataan Vaayitaamin C waan of keessaa qabuuf madaan daftee akka dhintuuf gargaara (wound healing),

seeliin qaamaa keenyaa akka hin miidhamneef "lycopene"tu shoora qaba,

bishaan 92% waan of keesaaa qabuuf, gamtokkoon faayidaa bishaanii nuuf kenna.




Faayidaalee jinjibilaa(health benefits of ginger):




Jinjibilli keemikaala “Gingerol” kan faayidaalee armaan gadii kennu of keessaa qaba.

fedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala,

balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa,

dhukkuubbii marsaa laguu ni hir’isa,

– nyaati garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa eega,

Vaayiresii qufaa dadhabsiisuun fooyyee nuu kenna,

dhukkubbii maashaa keenyaa erga ispoortii hojjannee booda nutti dhufu hir’isa,

– dhukkuba kulkulfannaa buusaafi lafee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa,

sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa sana dhufan nurraa dhorka,





Hundee diimaa (health benefits of beetroot) soorachuun faayidaa inni fayyaaf qabu:





Hundee diimaan vaayitaminoota hanga gosa 5nii, pirootiniifi albuudota akka Kaalsiyeemii, Ayiranii, Soodiyeemiifi Pootaasiyeemii dhaan kan badhaadhe waan ta'eef fayyummaa keenyaaf muduraa barbaachisaadha.


1. Kaansarii nurraa ittisa:


'antioxidant'fi 'anti-inflammatory agents' kanneen jedhamaniin kan soorome waan ta'eef carraa kaansarii gara garaatiin qabamuu keenya xiqqeessa. Halluu diimaa kan argate keemikaala  'betacyanin' jedhamuun waan guutameefi. Keemikaalli kun ammoo kaansariin qaama keenya keessatti akka hin uummamne dursee ittisa. faaybariidhaanis kan badhaadhe waan ta'eef carraa kaansarii mar'immaan furdaafi kaansarii kaleen qabamu haalaan ittisa.


2. Carraa dhukkuba onneen qabamuu ni xiqqeessa:


Hundee diimaan madda 'folate'fi 'betaine' -ti. Kunneen lameen ammoo hiddoota dhiigaa miidhuun rakkoo onnee gara garaaf kan nu saaxilu keemikaalli 'homocysteine' jedhamu dhiigaa keessaatti akka hin baay'anne too'ata.


3. Fayyummaa ija keenyaaf:


Hundee diimaan 'lutein'fi 'antioxidant' waan qabuuf dulluma keessa kan dhufu moora ijaa/cataract/ fi rakkoo walfakkaatu nurraa ittisa. Fayyummaa narvii ija keenyaaf baay'ee barbaachisa.


4. Dulluma keessa dhufuu kan malu rakkoo waa irraanfachuu hir'isa:- Hundee diimaan 'nitric acid' waan qabuuf dhiigni haala gahaa ta'een gara sammuu keenyaatti akka faca'u gargaaraa.Kun ammoo narviiwwan sammuu fayyummaadhaan akka turan gargaara.


5. Gogiinsa garaa ittisa:
faaybariidhaan kan badhaadhe waan ta'eef


6. Sirna ittisa qaamaa dabala:


7. Gogaa qaama keenyaa bareedaaf hawwataa taasisa.


8. Faayidaleen hundee diimaa soorachuun argamu kan biraas hedduudha.




Hundee diimaan faayidaalee babbareedoo armaan olii otuu qabuu:

  • namootni cirracha kalee qaban,
  •  namootni dhukkuba jilbaafi qubarratti isaanitti deddebi'e mul'atu(rihii) qaban, hundee diimaa baay'isanii soorachuu akka hin qabaanne gorfama:

Kunis sababa hundee diimaan keemikaala 'oxalate' jedhamu baay'inaan of keessaa qabuuf rakkoo kanneen armaan olii hammeessuu waan danda'uufi. Kanaaf namootni rakkoo akkasii qabdan hamma hundee diimaa sooratanii xiqqeessuu ykn gonkuma dhaabuu qabdu.




Faayidaalee roomaanii soorachuun Fayyaan qaama keenyaaf qabu (health benefits of pomegranate):



1. fayyummaa onnee keenyaa eega,kunis kan danda'amu anti-oxidant' waan of keessaa qabuuf hamma kolestiroolii hir'isuu, akkasumas dhiigni akka hin kantarre/qorrine taasisa.


2. dhibee kaansarii kan harmaa(dubartootaaf),akkasumas pirosteetii(dhiira) keessatti ni hir'isa. Kunis kan danda'amu roomaaniin 'anti-oxidant flavinoid' kan jedhamu waan of keessaa qabuufiidha.


3. ilkaanni keenya baakteeriyaadhaan akka hin nyaatamne akkasumas dhukkubbii buusawwan qaamaa irratti nama muudatan ni ittisa.


4. hir'ina dhiigaa(anemia) ni ittisa.


5. dhibee sukkaaraa hamma ta'e ni hir'isa.


6. dhibeewwan bullaa'insa soorataan wal qabatan ni fooyyessa.




Faayidaalee maangoo nyaachuu irraa argannu(health benefits of mango 🥭):



1. Dhukkuba kaansarii hir'isuufi fayyaa onnee keenyaa eega:

 

Maangoon uumamaan inzaayimii 'pectin' jedhamtu of keesssaa qaba. Pectin kun 'galectin' kan jedhamu waliin walitti makamuun dhibee kaansarii nurraa ittisu, irra caalaa dhiira keessatti kaansarii qaama hormaata dhiiraa ykn piroosteetii cancer jedhamu ittisa.

Maangoon inzaayimii 'pectin' jedhamu qabaachuun 'pectin' kun ammoo kolestiroolii hir'isuudhaan fayyummaa onnee keenyaa eeguu keessatti ga'ee isaa taphata.



2. Dhiibbaa dhiigaa ittisa

Kunis kan danda'amu maangoon vaayitaaminootaafi albuudota fayyummaa onneefi hidda dhiiga keenyaa eegan waan qabuuf.



3. Hir'ina dhiigaa ni ittisa

Kunis kan dandahamu maangoon albuuda aayiranii(iron) sababa of keessaa qabuuf hir’ina dhiigaa hanqina albuuda 'iron' dhabuun nutti dhufu ni ittisa.



4. Dubartoota/haadholii ulfa ta'an ni gargaara: 

Kunis maangoon sababa aayiranii(iron) qabuuf, dubartoonni ulfaa yeroo ulfa'anii jiranitti hanqinni albuuda iron waan isaan muudatuuf.



5. Nyaatni akka bullaa'u ykn 'digest' ta'u taasisuu keessatti ga'ee guddaa qaba:

Kunis kan ta'u uumamaan maangoon inzaayimii soorata bulleessan waan qabuuf.



6. Fayyaa sammuu keenyaa dabaluu keessatti ga'ee qaba: 

Kunis kan danda'mu maangoon vaayitaaminii B6fi 'Glutamine acid' kan jedhamu qaba.Vaayitaamiin.B6 dalagaa sirna dhaamsa narvii keenyaa yommuu dabalu, 'glutamine acid' kan jedhamu immoo dandeettii waa yaadachuufi xiyyeeffannoo keenyaa dabala.



7. Maangoon dandeettii dhukkuba ittisuu qaama keenyaa dabaluufi finniisa qaama keenya irratti akka hin baay'anne ittisuu keessattis ga'ee guddaa qaba.




Asheeta boqqoolloo (health benefits of 🌽):





1.Faayiberii baay’ee of keessaa waan qabuuf gogiinsa garaa hir’isa,

2. Carraa kintaarotii(hemmorhoids) tiin qabamuu gadi buusa,

3. Carraa kaansarii mar’ummaan furdaan qabamuu ni hir’isa(colorectal cancer),

4. Fayyaa onneegogaafi ija keenyaaf

5. Hir’ina dhiigaa irraa nu eega,

6. Namoota dhukkuba shukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa qabaniif,

7. Jabina lafee keenyaaf,

8. Kolestroolii hamaan qaama keenya keessatti akka hin baay’anne taasisa,

9. Anniisaa keenya dabala,

10. Keemikaalota qaama keenyatti summii ta’uu danda’an qulqulleessuuf(anti-oxidant effect),

11. Vaayitaaminoota A, Bfi C of keessaa qaba

12.kan akka Maagnisiyeemii, Ziinkii, Ayiranii, Koopparii of keessaa qaba.







Waan dubbistaniif Galatoomaa!  Fayyaan waliin! Fayyaan faaya!

Learn More »



Gaaffii yoo qabaattan:-

Gaaffiiwwan yoo qabaattan karaa biloogii kanaatiin ykn imeyilii kiyyaan na quunnamu dandeessuu. Iddoo yaada(comment) jedhu keessattis naaf erguu ni dandeessuu. Sirreeffama godhamu qabus karaa siniif mijatuun na quunnamtani akka na haasofsiistan sinin jedha.


Imeeyillii: sbstar2014@gmail.com

Learn More »

©Copyright2022 https://Shimalan.blogspot.com

Comments

Popular Posts