Seenaa gooticha Oromoo Baaroo Tumsaa
BAAROO TUMSAA
Seensa Isaa
Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate. Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun duβaan irraa adda baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.
Barnoota isaa
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaaβaa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii taβuudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa taβuudhan hojjachaa ture.
Qabsoo keessa seenuu isaa
Baroota kana keessatti baayβinni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Walβaansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti baβuudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin taβuun Waldaa wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera. Finfinneefi magaalota kan biroo keessatti yaada 'land to tiller' βlafti qoteebulaafβ jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 kaβe kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo ture. Baaroon goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee kaβe ture. Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf mana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf buβaa taβeera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera. Haalli Baaroofi garee hojjetoota kanaa namoonni itti hin tolin Baaroo hojiirraa ariyani. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera. Haa taβu malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hin deebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hin barbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hin dhabneef Waldaa Dhaaba Dhidheessaa jedhu uume. Mulβanni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hin laanneef yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu mootummaa kanaaf goota hin jilbeenfanne ture. Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hin lakkoofne. Baaroo Tumsaa bara 1964 aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii ijaarrate. Aadde Warqinash Bultoo biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jirtuu bara 1982 loltoota amanamoo Mangistuu Haayilamaariyaamiin ajjeefamte. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii jeneraal Demissee Bultoo yoo taatu, abbaanshii obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala hoβaadhaan waan kabajameef, diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture. Barruu amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti dubbifamuufi jaallatamu 'The Oromos voice against tyranny document 1971' jedhamu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka gaβu taasiseera. Barreeffamni kun gara Amaariffaattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan Maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hintaane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra gaβaa ture barruun kun of keessatti waan qabatee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba Oromoo ittiin barsiisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972tti Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qoβatee yeroodhaaf garuu gaazeexaan Bariisaa qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan Dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche. Har'a gaazeexaan Bariisaa faayidaa siyaasaatiif jedhamee kan qophaa'u malee faayidaa eenyummaa saba Oromootiif jedhee miti. Baayβinaan waaβee eenyummaa Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti. Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo harβa sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaafi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra gaβuuf kaayyoo balβaa baasuudhaan Wiirtuu Qaama Qindoominaa dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera. Bara 1974 daba mootummaan Hayila Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaaβe. Kana keessattis Baaroon miseensa taβee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hintaβiniin rakkoo keessa galfamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayila Sillaasee cunqursan irra gaβaa ture hunda kan ofitti haammatu dhaaba Walβansoo Saba Balβa Cunqursamoota Itoophiyaa βYe Itoophiyaa ciqunooch abiyootawwii Tigilβ jedhu hundeesse. Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan of-keessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu of-tuulummaasaa dabalaa deemuun dhaaba βEMALEDHIβ jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baayβeen gara qabsootti seenuu jalqaban.
Du'a isaa
Bara 1974tti hundaaβee baha Oromiyaa keessatti sochoβaa kan ture Addi Bilisummaa Oromoo qabsaaβota hedduu horachuu dandaβee ture. Baaroonis qabsoo kanatti seenuudhaan gara bahaatti deemee geggeessummaan hojjetaa utuu jiruu bara 1977tti lubbuunsaa darbe. Duutii Baaroo umurii gabaabaafi akka tasaa dhaaba Adda Bilisummaa Oromoofi uummata Oromoo akka malee naasiseera; miidheeras. Dargaggeessi umurii waggaa 35tti ajjeeffame kun bara hundumaa godaannisa hindagatamne saba Oromoo irratti maxxansee jira. Akkaataa duβasaa ilaalchisee saba Oromootiif odeeffannoon hinkennamne. Haataβu malee, duβa Baaroo booda namoonni yeroo sana turan geggeessummaarratti dandeettii dhabuu qofaa utuu hintaane, ejjennoo dhabuusaaniirraan kan kaβe dhaaba saaniitiifis taβe uummata saaniitiif taβuu dadhabuudhaan ummata qaanessanii jiru. Kaayyoo inniifi kan isa fakkaatan itti wareegamaniif xiyyeeffannoo guddaan hin kennamne. Barreessitoonni tokko tokkoo akka jedhanitti, Baaroo kan ajjeese loltuu WBO kan sammuunsaa fayyaa hin turre tokkoonii jedhu.
Comments
Post a Comment