Mil'uu Miliquu: Kitaaba asoosama dheeraa Afaan Oromootiin.

     



Barreessaan:


Guutaa Rabbirraa Baqqaanaa (MA)


Asoosama dheeraa 
                               

                               CAAMSAA, 2013
                               


                               FINFINNEE, OROMIYAA       



                            Galata


Duraan dursa kitaaba kana qopheessuuf qofa miti, nama waan yaade bakkaan ga’uuf rakkoon fayyaa hin daangessine
ta’uukoof, rabbi guddaan oolmaa eegumsa isaaf baraa hamma baraatti haa ulfaatu. Waaqayyotti aanees, kennaa waaqayyoo akkan fayyadamuuf guca cicha ga’ee aartii og-barruu Oromummaa baatee, waan hundumaan kan ana fuuldura ibsaa ture, barreessaan kitaabota Afaan Oromoo kan akka Furtuu, Quba Qabduu, Ichima Jaalalaafi kanneen biroo obboleessi koo Geetaachoo Rabbirraa jaalalaaf galata
daangaa hin qabne na biraa qaba. Galatoomi Gechoo. Akkasumas, yeroon halkaniif guyyaa dadhabaa turetti, ana
cinaatii kan hin dhabamne haadha manaa koo kanan baay’ee jaaladhu barsiistuu Dastaa Ibsaafi ijoolleekoo anatti naanna’anii na bohaarsaan Miiltoo, Hiiroofi Rooban Guutaa galateeffachuun barbaada. Hiriyyaakoo yeroo hundumaa, gaafa jalqabaa qalamni koof barruuleen koo walitti buutee eegalee na cinaa ture, Balaay Gobooshoo hedduun si galateeffadha. Addumatti, asoosamni kalaqa sammuu koo ta’e kun maxxanfamee uummata Oromoo bira akka ga’uuf maallaqa guutummaa maxxansa isaa kan naaf gumaache obboleessakoo Obbo Dassaalany Rabbirraa guddaa haa galatoomu. Dhumarrattis hiriyyootakoo Dajanee Margaa, Mitikkuu Fiqaaduu, Lammeessaa Asaffaafi Gaaddisaa Abarraa akkasumas barsiisaa Qixxeessaa Ibsaa yeroo isaanii aarsaa godhanii dubbisuudhaan, iddoo jallate sirreessuun kan na gargaaraa turaniif galanni koo guddaadha. 

                         
                        Dhaamsa


Addunyaan biyya lafaa buburreefi wal-xaxaadha. Rakkataan
irratti boo’a. Dureessi irratti boona. Dhabeenyi nama boochifti, qabeenyi nama boonsifti. Isa boo’uufis ta’e isa boonuuf, kan darbeef seenaa kan dhufuuf seexaa dhaamuun
seera uumaa dhalachuuf du’uu waliin kan wal-qabatee dhufedha. Anis waan dhaamullee qaba sabakoo, garuu waan baayyee jechuuf osoo na rakkiseyyuu waa xiqqoo dhaamuun barbaada. Kaan dhaba boochisa, Oromoon qaba garuu
ni boo’a. Kaan qabeenya boonsa, Oromoon qaba garuu hin boonu. Qe’ee Oromootti maaliif seerri uumaa jallate laata? Hiriyyoota koofi namoota biroo carraan adda addaa
walitti nu fide birattillee yeroo hedduu osoo hin jaalatiin waa jechuu nan jaaladha. Ta’us hamma ta’e namoota barreeffama Afaan Oromoo dubbisuu danda’aniifi dubbisuuf onnata qaban hedduutti dubbachuuf hamma yoonaatti carraas ta’e dhamaatiin naaf milkaa’e hin turre. Garuu osoon waan dubbadhu hin dhabiin carraas ta’e milkaa’ina dhamaatii dhabee turus, guyyaan itti abdii kutee harka maradhee taa’e hin yaadadhu. Guyyaafi haalli, carraaf milkaa’ina dhamaatii koo sakaales haqaaqqatee, dubbiin qabu keessaa
calaqqee qarqara ishii tokko jedhee Asoosama dheertuu Mil’uu Miliquu jedhamtu kanaan kunoo miixannaa waggaa kudhaniin booda afaan hiikkadheera. Asoosama kana barreessuun anaaf saba Oromootti dubbachuuf yookaan saba Oromoof dubbachuuf uleekoo
jalqabaa saamsa ittisa daangaa cirtu taatus, kaayyoon Oromoof turjumaana ta’uu waan ana keessa bule hin jiru. Oromoon aadaa boonsaa qaba. Saba boonaas qaba; eenyummaa miidhagaas qaba. Lafa sanyii hin nyaannes qaba; afaan jecha hin waakkannes qaba; jaalala hin ligidoofnes akkasuma, garuu of ibsuufis ta’e jiraachuuf kan Oromoon baroota jaarraan lakkaawwamaniif hanga har’aatti alagaan ibsamuufi mul’istuu eenyummaa isaa alagaan irraa mulqamee, ofirratti alagaa moosisee mataatii gad cabee beekamtii kenneefii kun dhalootaan hiree Oromoo akka hin taane afaan koo banadhee dubbachuuf wanti na shakkisiisu hin jiru. Handhuura dhaamsa koo ta’ee saba Oromoo bira akka naaf ga’u kanaan barbaadu keessaa inni ijoon, sabni Oromoo hiree Waaqa biraa kennamteen baraabaratti akka hacuucamus ta’e miila jalatti akka dhiitamu hireen qoodameefi hin jiru, yoo hiree nama yookaan saba biraa irraa kan kennamteefii taate malee. Oromoon beekaa qaba iddoo sadarkaa hundatti, jaarsolii qe’ee irraa kaasee hanga yunivarsiitiilee gurguddoo addunyaatti. Garuu barri beektotaa darbuun hin oolu, darbees agarreerra. Osuma beektota qabnuu, gidiraafi hacuuccaan saba Oromoo irratti ta’u bara dhufee darbu itti caalaa adeeme. Beekaan ilma Oromoo addunyaa gajjallaa hanga gararraatti beeekumsaan
kuulame, madaafi madda hacuuccaa saba isaa kana baruun maaliif akka jalaa dhokatte dhaamsa koof gaaffiidha. Deebiis barbaada. Ani dhimma Oromoof nama gaaffiif malee deebiif ga’ee hin qabnedha of jechuukoos miti. Oromoon turjumaana barbaada jechuukoos miti. Ilmi Oromoo dhimmi Oromoo dubbatu turjumaana Oromoo miti. Dhimmi Oromoo, ilmaan Oromoof dhimma dirqama Oromummaati. Oromoon, aadaas ta’e mul’istuu eenyummaa dubbatu waan qabuuf, of ibsuufis ta’e ifuuf alagaan akka ibsaa qabuuf hin barbaachisu. Maaliif barootaaf dukkanaan akka deemaa jirru wallaalus, sabni Oromoo ofuma isaa iyyuu ibsaa akka ta’e hin shakku. Kan nama naasisu garuu, barootaafi guyyoota darban keessatti Oromoon jireenya hacuuccamuu dabarsus, Oromoonni
yeroo sana turanis ta’e yeroo ammaa jiran kun osuma dhalarraa dhalatti dabarsanii fincilaa dhufanii, inni du’u du’ee inni dhalates guddatee har’a ga’eera. Har’a garuu dhala Oromoo alagaatu Oromoorratti guddisaa jiramoo Oromootu guddifataa jiraa? Hanga har’aatti diina lolaa as
geenyus, lafa dhihee barii’u tokko ta’uuf bilisummaatti dhiyaachuutu mallattoo agarsiisaa jira osoo hin taane, tokkummaa dhabuufi gochaan diinaa sabuma ofii keessaa
oomishamaa deemuutu dabalaa adeeme. Yeroo diinni guboo saba Oromoo keessatti dhagaa bu’uuraa buufatu qoqqoodamuun saba Oromoo ragaa seenaa jiraataa dha. Akka natti fakkaatutti garuu kan Oromoon yaadda’uu qabu inni guddaan isa alagaan guboo saba Oromoo keessatti dhagaa bu’uuraa kaa’u osoo hin taane, akkaataa Oromoon shira alagaa kanaaf deebii kennaa jirudha. Kanaafuu akkuma “xuxiif buxiin waldida” jedhamu karaa saayinsaawaa haa ta’uu aadaa, sochii Oromoon bilisummaa gonfachuuf godhu keessatti deebiin shira xaxxootaaf kennamu akkaataa ka’umsa hundee isaaniitti adda adda ta’uun dirqama natti fakkaata. Keessumaa iyyuu dhiiga ofii of wallaalee diinaaf ergamu jechuun diina miti. Diina ta’uu dhiisuun isaa garuu gochaa diinaa Oromoo irratti hin raawwatu jechuukoos miti. “Quba ofii ajaa’e jedhanii kutanii hingatan” akkuma jedhamu, wallaalaa ofiis gorsatanii barsiifatanii gochaafi hojii qaanii alagaaf ergamuu keessaa baafatanii humna godhatu malee, akka diinaatti balaaleffatanii deebiifi gochaa
diinaa yoo itti deebisan, duraanuu wallaalaa dha ittuu abidda qabsiisanii akka mana gubu jajjabeessuu natti fakkaata. Kun immoo Oromoof gabrummaa kunuunsuu dha, diinaaf
immoo milkaa’ina dha. Rafnes kaanes, falles dhiisnes, gootomnes daboomnes, qabsoofnes dhiisnes yeroo dheerata malee bilisoomuun keenya kora hin hafne waan ta’eef dhaloonni milkoomee bara birmadummaa kana qaqqabes ta’e dhalate, dhiiga isaa alagaaf ergamaa ture kana akka harkisoo guboo diinaatti lakkaa’uu danda’a. Kun immoo Oromoon hamma lafa kanarra jirutti quba walitti qabaa akka diinaatti wal nyaachaa jiraachuu qofa osoo hin taane, lafa dhihee barii’u hammi diinaa itti baay’ataa waan deemuuf, bara jireenya saa guutuu yerootti diina mormu malee yerootti hojjetee misoomu akka
hin arganne tilmaamuun waan ulfaatu natti hin fakkaatu. Sabni baratee hojjetee hin misoomne immoo ergamuuf ergaramuu irra darbee qooda inni taphatu waan yartuudha.
Anis asoosama dheeraa ‘Mil’uu Miliquu’ jedhamtu kana keessatti calaqqee seenaafi eelaa dhugaa, bilisummaa dhabuun barattoota Oromoo Oromiyaa irratti geessisaa tureef rakkoo hawaasummaa, dinagdee, aadaa, seenaa, siyaasaafi harkisoowwan biroo tuquuf yaaleera. Gama biraatiin immoo hiikkaan jireenya jaalalaa sabboontota dargaggeessaaf dargaggeettii saba Oromoo barootaaf ture, hanga du’aa dullumaattimoo hanga jiraa du’aatti isa jedhuuf ajandaa sabni Oromoo jireenya sabboontotaaf jecha irratti yaaduus ta’e mari’achuu qabu akka ta’e ani akka ilma Oromoo tokkootti amantaa guddaan irraa qaba, waa jechuus yaaleera. Jaalalas ta’e jaalalleen ilmaan Oromoo, qabsoo Oromoof humna ta’uu qaba malee sakaallaa kaayyoo ta’uu hin qabu. Bilisummaan damma caalaa mi’oofti. Gabrummaan eebicha
caalaa hadhoofti. Bilisummaan qabeenyaa namni yookaan
qaamni gurmaa’ee humnas ta’e aangoo qabu yeroof nama harkatti sarbuu danda’u ta’uu danda’a malee, qabeenyaa namni namaaf kennuu danda’u tasumayyuu ta’uu hin danda’u. Carraan haala jireenya Oromoo si’anaas cuunfaa eebicha gabrummaa unachuu ala ta’uu hin danda’u. Bilisummaan qabeenyaa kennaa rabbii baasii tokko malee dhala namaa hundaaf wal-qixa kenname ta’us yoo sarbame deebifachuuf qabeenyaa baasii guddaa nama gaafatan keessaa kan gatii bilisummaa caalu hin jiru. Kan rafe barbaadanii lafa jirutti dammaqsuu barbaada, kan dammaqe dhageessisuuf duuka bu’anii jajjabeessuu barbaada. Kanaafuu sabni gabroome, jabaatee bilisoomee eelaa darbe dhalootaaf katabee akka seenaa yaadatuuf, bilisummaa gonfates hadhaa jireenya gabrummaa beekee dammaqinaan akka tikfatuuf, aartiin og-barruu meeshaa hin ligidoofne akka ta’e jabeessee dhaamuun barbaada. Isinis aartii Oromoo guddisuu keessatti ga’ee qabaa dhaa. Dhumarrattis, maqooliin ani asoosama kana keessatti fayyadame calaqqee seenaa dhugaa ta’anis kallattiidhaan eenyuunillee kan bakka hin buuneefi kalaqa sammuu koo qofa akka ta’an ibsuun barbaada. Maqaa uumaatiin tokkummaan saba Oromoo gidduutti coologe deebi’ee haa latu! Saba bilisummaatti jiraatu malee saba bilisummaa hawwu ta’uun barri isaa haa gabaabbatu!




                   Dubbisa gaariin isiniif hawwa.
                      




    

                    Guutaa Rabbirraa Baqqaanaa
  




                      Boqonnaa Tokko

Maatii guddaa baadiyyaa Birraa yeroo nyaata asheeta boqqolloo galgala galgala walitti naanna’anii jimmaa jimmiiteefi hibboo taphatan keessattin dhaladhe. Mootiin maatii keenyaa_ abbaankoo yeroo hedduu hojii oolanii yeroo galan miilla isaanii dhiqsiifatanii, dagalfatanii ciisanii nama gorsuu jaallatu. Erga irbaanni nyaatamee booda, yeroo maatii keenya keessaa namtokko ka’ee jimmaa jimmiitee jedhee nama kolfe abaaree, nama obse immoo lafaaf biyya kennee eebbisee,cilaattiifi daaraa fuulatti dibatee mana keessa olii gad kaatu, abbaankoo taa’anii hunda taajjabu. Kaan kolfa qabachuu dadhabee akkuma sangaa siddisa nyaatee bokokee, utaalee futtaafata. Kaan immoo fuula cocorreefi buburree kana dandamatee osoo takkaa ilkaan hin saaqiin, erga abbaan jimmaa jimmiitee missinee dadhabee booda, yeroo inni kukuluutuu jedhu, bariite jedha. Eebba isaas unata. Akka cimaattis lakkaawwama. Taphichas akka injifateetti ilaalama. Abbaan koo jaarsi nama guddaan taa’anii kana hundaa taajjaban, jireenya dhala namaa erga gaafa dhalatanii hanga guyyaa du’aniitti jiru madaalanii, muuxannoo bara jireenya isaanii waliin walqabsiisanii gorsa tokko tokko nu gorsu. Isaanis guyyaa galgala tokko, yeroo nuyi jimmaa jimmiiteef hibboo taphannee xumurru walitti nu qabaniiti, jecha addaa tokkoon nu gorsan. “Elaamee ijoolleekoo…… Namni lafa kanarratti gaafa uumamu akeeka uumameef qaba. Akeeka uumameef kana bira ga’uuf yookaan raawwachuuf garuu laggeen gurguddoo sadii kan irra cee’uuf hedduu nama rakkisan jiru. Laggeen kunis: Fe’isa fe’amee hin hiikamne, qara qaramee hin doomneefi nama du’ee du’aa hin kaanedha. Garuu namni jabaan waan godhuuf maaliif akka godhu beeku laggeen kana riqicha mataa isaatiin irra taruu danda’a. Kunis ta’uu kan danda’u namni nama ta’ee qaamaaf yaada fayyaa qabu akka nama lafarra deemuutti of ilaaluu dhiisee yoo akka nama mukarra ciisuutti of ilaaledha. Namni mukarra ciisus guyyaa yookaan torbee dagachuu osoo hintaane maaykiroo sekoondii tokko dagachuutu lafee nama cabsee qaama nama laamshessa. Ajjeessee achiin hambisuus indanda’a” jedhan. Maatiin gorsa kana taa’ee dhaggeeffataa tures nama hedduu ture. Keessaa garuu obbolaan waliin dhaladhe ana malee nama torba turan. Namoonni haala adda addaatiin miseensa maatii keenyaa ta’anii gorsa abbaakoo dhaggeeffataa turanis lakkoofsaan baay’ina obbolaakoo kanaa gad kan ta’an miti. Ani maqaankoo Jaawwaraa Caattooti. Maqaan haadhakoo ishii ana deessee immoo Rabbituu Beekaa jedhamti.Obbolaan waliin dhaladhe keessaas dhiirri nama shani.Maqaan isaaniis angafa irraa gara quxisuutti; Milkii, Namoomsaa, Hulluuqaa, Abdiifi Dorcaa Caattoo jedhamu.Warri hafan dubartoonni lamaan immoo Marartii Caattoofi Galgalee Caattoo jedhamu.
Egaa ana waliin abbaankoo dhiira ja’a qaba. Anis abbaakoof mucaa afraffaadha. Hulluuqaatti aanee jechuudha_dhalootaan. Anis egaa dhalootaan tokkicha nama qobummaan isa jeequ, akka hin taane rabbiin galateeffachaa obbolaakoo ofcinaatti ilaaleen beeka. Haa ta’u malee
dhalootaan qobummaan yoo natti dhagahamuu baate iyyuu seeruma uumaa hiree jireenya dhala namaa kan ta’e hojiin waan jiruuf, hojjechuuf immoo barnoonni murteessaa waan ta’eef akkuma obbolaakoo warra angafaa baratanii hojii irra jiranii, anis jireenyakoo fuula duraaf jecha barnootaan qobaa ta’uu ergan eegalee waggoota muraasa lakkoofsisuu eegaleera.
Garuu duraan osoo waggoota qobummaa kana lakkoofsisuu hin eegaliin yeroon sabaafi uummata lammiikoo keessa taa’ee barnoota sadarkaa tokkoffaa barachaa ture, barnoota kootti akkuma obboloota koo angafaa barataa cimaan ture. Qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 8ffaas gaarii fideen gara isa itti aanu kan afaan Ingiliziitiin baratamuutti darbe _ mana barnootaa sadarkaa ol'aanaa. Akkuma sadarkaan barnoota koo dabalaa adeemeen, gostiifi qabiiyyeen barnootaa dabalaa adeemuun osoo ana hin jeeqiin wanti ani beekuufi himuu hindandeenye na jeequu jalqaban_ yeroo sanatti. Sadarkaa barnootaa kanatti ergan darbee booda egaa waxxeen qormaata jireenyaa anuma mataakoo irraafi kan anaan ala naannoo koo jiran irraa natti waxxifamuu jalqabe. Dhiigni dargagummaa akka qeerransa kiyyoon qabee ana keessaa wixxifatuufi qormaanni jireenyaa akka laga Mormor ganna ganna jirma guuree yaa’uu,narratti walga’anii akka qilleensa Birraa olii gadi na raasuu eegalani. Mukti qilleensaan raafame yoo hunda ta’uu baate illee osoo hin jaalatiin baala lama sadii osoo gad hin lakkisiin hin hafu. Garuu muka baala qabu yoo ta’edha malee muka baala hin qabne qilleensuu hin raasu. Raasamus waan lakkisu hinqabu. Anis guutummaa guutuutti namummaakoofi hojii koo gad lakkisuu baadhus hamma ta’e of dagachuunkoo hinoolle_ waxxee qormaata jireenyaa anatti waxxifaman
kanaan. Xiqqaattus hamma humna ishii narratti milkoofteetti. Akka nama du’ee muka baala hin qabneetti fakkeeffamuu baadhus, qabxii barattoonni ani dorgomu fidan biratti, kankoo boquukoo ‘mataa muka qagii’ na goote. Lafa na ilaalchifte.Anis akkuma nama qoosee dhahamee guyyaan qabxiikoo_ jechuun kan kutaa 10ffaa argee eegalee boquun ol na jechuu dadhabe. Waanumti halle akka nama gabaatti alba’ee qaanii natti ta’e. Leeyyoon natti duule. Guyyaa tokko yaadaan badee magaala keessa osoon deemuu miilumtikoo fuudhee mana dubbisa kitaabaa uummata magaala Shaambuutti na baase. Anis xiqqoo balbala mana kitaabaa kana fuuldura ijaajjeen waanuman arge seeneen dubbisa, hamman magaala keessa jooru jedheen ol itti seene.Xiqqoo kitaabota hiriira galanii na laalan sana ijaan irra fiigeen, keessaa tokko kitaaba ‘sooshaal rileeshin’ jedhu suuta fudheen gara teessuma rakkoo jiru tokkootti siqeen irra gad taa’e. Dubbisuus nan eegale. Akkuman waa dubbiseen mata dureen ani dubbise yaadni isaa naaf galuu dide. Iddoo naaf galun dubbisa jedheen as duubatti deebi’ee baafata kitaabichaa tokko tokkoosaa yaada qalbiin ilaale. Xiqquma gad siqeen maqaa Albert Inistaayen jedhu yeroon argu dafeen fuula baafatichaa ilaale. Albert Inistaayen, barnoota sadarkaa gadii yeroon baradhu namoota bebbeekamoo hayyoota addunyaa jedhaman keessatti yeroo baay’ee maqaasaa waanan dhagahuufi malee maaliif akkan dubbisu, maal akkan dubbisu waanin karoorfadhee manaa bahe tokko illee hin jiru. Osoon joonja’ee magaala keessa jooruu kitaabuman dubbisa jedheen olseene malee.Garuu akkuma nama karoorfatee dhufee, mata duree keessaa filadheen gara fuula baafatichaa dhaqee dubbisuu eegale. Fuula sadan tokko akkuman dubbiseen jecha “namni
qormaanni itti baay’atu yoo qormaaticha mo’ichaan irra darbe beekumsi isaa ni baay’ata” jedhun arge. Akkuman jecha
kana dubbiseen yaadni isaa ifa naaf ta’uu dideeti, akka dambalii bishaan haroo qilleensi raasuu, sammuukoo keessa
gaggaragaluu eegale. Qormaata akkamii? Isa barsiisaan mana
barumsaatti nu qorudhamoo? Kun immoo akkamiin nama qormaanni itti baay’atu jedhama? Barataan kutaa sana keessa jiru hundihoo baay’ina gaaffii qormaataas ta’e gosa qormaataa wal fakkaatu fudhataa, maal jechuu barbaadeeti? Warri mana barumsaa galanii barachuuf carraa hin argannehoo? Qormaanni kun isaan hin ilaallatu laata? jedheen ol jedhee gorroo mana dubbisa kitaabaa irra ijakoo
hordeen yaadaan buusee baase.
Ta’us qormaatichi nama lafa tokkorra jiru keessaa tokkotti baay’atee tokkotti xiqqaatu isa kam akka ta’e walii baree
murteessuu dadhabeen yaadakoo hiixatee ijakoo gorrootti fannise gad dachaafadhe. Jechuma kitaabichaa hima kanaaf ibsa kennan, jechichumatti aanseen yaada qalbiin dubbisuu
eegale. Dubbisee dubbisee gara gidduu yaadichaa yeroon ga’u, "qormaanni kunis kaayyoo dhalli namaa bira ga’uuf yookaan argachuuf kaayyeffatee gara fuula duraatti itti adeemuufi namticha abbaa kaayyoo yookaan dhala namaa gidduu fageenya yaadaatu jira. Deemsa fageenya yaadaa kana keessas qaamaanis ta’e yaadaan tabba osoo fiigaani nama dhaabu, irraangadee osoo dhaabatanii nama fiigsu, hirriba osoo sireen jiruu nama didu, ija osoo aduun ba’uu fayyaa ta’ee argaa dhabuufi ta’iiwwan hunda akka kanaa dugdaafi garaa ta’an kan qaamota miiraa dhala namaan hubatamaniifi hin hubatamne, adeemsa fageenya yaadaa kaayyoofi abbaa kaayyoo gidduutti nama mudatanidha” jedhun dubbise. Ta’iiwwan dugdaafi garaa yookaan qormaata jireenyaa ta’an kunis lakkoofsaan hammana jedhamanii beekamuu baatanillee baay’inni isaanii daandii adeemsa fageenya yaadaa, kaayyoofi abbaa kaayyoo gidduutti, abbaa kaayyoo yookaan dhala namaa mudatan kun, ulfinaanis ta’e baay’inaan, namaa namattis ta’e baraa baratti garaa gara. Kanaafuu nama ta’iiwwan akkanaa kun deemsa fageenya yaadaa kana gidduutti itti baay’ataniifi namni ta’iiwwan kana yookaan qormaata jireenyaa kana injifannoon irra tarkaanfatee deemsa fageenyaa kana xumure_ jechuun kan kaayyoo isaa biraan ga’e, beekumsa guddaa argata jechuu dha. Kunis jedha, namni kaayyoo kaayyeffate biraan ga’e hundi beekumsa guddaa wal qixa qaba jechuu miti. Maaliif jennaan, hamma guddina beekumsaa kan murteessu hamma muudannoo qormaata jireenyaa deemsa fageenyaa sana gidduutti nama muudatanii injifannoodhaan irra darbamaniiti malee, namni waan hawwu yookaan kaayyoo isaa biraan ga’e hunduu beekumsa guddaa qaba jechuu miti_ abbaan carraafi haala yeroon milkaa’uunis waan jiruuf.
Haata’u malee namni ta’iiwwan dugdaafi garaa yookaan qormaanni jireenyaa itti baay’atan, garuu mo’ichaan irra darbaman beekumsa dabalata yeroo jedhamu, abbaa kaayyoo ta’iiwwan kanatu beekumsa badhaasa jechuu miti. Nama qormaanni akkasii itti baay’atu beekumsi itti baay’ata yeroo jedhamu, hojii humnaa qottoon muka kutuu yookaan laga utaalanii ce’uu jechuu osoo hin taane. Yeroo qormaanni tokko simudatu qormaaticha injifannoon darbuuf yaada ati itti yaaddee keessa darbuuf karaa sirriidha jettee murteessite yoo sirrii ta’ee sidabarse ati beekumsaa akka dabalatte
agarsiisa. Garuu karaan filatanii keessa darban hunduu sirriidha jechuu miti. Kanaaf laga ce’uuf, utaaluu dura yaada karaan itti laga cehan maal maaltu jira? Isaan keessaahoo kamtu hunda irra akka salphaatti na ceesisa? Jirma mukaa daandii ati deemtu irratti jigee jiru yoo si quunname immoo, qottootiin kutuu dura irra tarkaanfachuumoo, gad gangalchuumoo qottoon kutuu wayya jettee, tarkaanfachuufis ta’e gad gangalchuuf humnakee, kuttee gatuuf waan itti kutan qabaachuukee, akkasumas tooftaalee mirga namaatti hin buune biroo wal bira qabdee yaaddee kan ati keessaa filattee ittiin irra tarte gochaadha. Garuu yaadni gochaa kana gochaalee keessaa filatee milkaa’ee si ceesise kun siif beekumsa. Beekumsa dabala jechuunis, daandiin yookaan gochaan ati filatte akkuma garaa garummaa qormaata simudataniitti gara garaa waan ta’aniif, yaadni karaa darbiinsaa kana yaadee murteesses tokko tokkoon isaa akkuma baay’ina qormaatichaan beekumsa adda addaa burqisiisa. Kanaafi egaa namni qormaanni itti baay’atuufi qormaaticha injifannoon irra tare beekumsi itti baay’ata kan jedhameefii jedha _ibsi kitaabichaa. Anis kitaabicha akkuma gundoo fuuldurakoo diriirseen, ergaa jechootan dubbisaa turee kana jireenyakoo darbeefi kaayyookoo kan gara fuula duraa wajjin walitti fideen xiqqoo galaana yaadaan daake _ mana dubbisa kitaabaa uummata magaalaa Shaambuu keessa taa’ee.Yeroo kana anis battalumaan waan lama sammuutti of fide_osoo hin jaalatiin. Inni tokkoffaan, Albert Inistaayen yeroo “adeemsa fageenya yaadaa” jedhee ibsa laatu waa’ee kaayyoo dubbatee ture. Innis adeemsa abbaa kaayyoo yookaan dhala namaa irraa gara kaayyootti adeemamu yeroo
jedhu, kaayyoon fuuldura dhala namaatti akka argamuufi tasuma iyyuu duuba abbaa kaayyoo akka hin taane. Osuma waltumsuun barbaachisaa ta’uu, kan geejjiba dhuunfaafi karaa dhuunfaatiin bira ga’amu akka ta’e nan hubadhe. Garuu deemsi fageenya yaadaa qormaata jireenyaa injifachuuf deemamu jiraachuuf, dirqama kaayyoofi abbaan kaayyoo yookaan dhalli namaa jiraachuu akka qaban sammuukootti dhufe. Maaliif? Adeemsi fageenyaa jalqabuuf ka’umsa (abbaa kaayyoo) xumuruuf immoo dhuma (kaayyoo) yoo qabaate malee adeemsa hawwaa keessaa waan ta’uufi. Kan gaaffii natti ta’e garuu namni nama ta’ee kaayyoo hin qabne jiraayi? Yoo jiraate maddi beekumsa isaa maal ta’aree? Qormaata jireenyaa beekuu laata? Warri qaamaan nama ta’anii yaadaan akka namaatti ofiifis ta’e sabaaf waan boruu hin yaadne warra akkasii tayinnaa? Warra seera uumaa cabsanii, waan darbeefi waan du’e walii wallaalanii akka waan jiruutti irratti bobba’anii, kan mataa ofiif saba burjaajessan. Biyya keenya keessa jiruu laata? Moo biyyuu kan isaaniitii? Ani hin beeku deebisaa. Garuu warri dhiyoo kana haalaaf lafa mijate irratti dhalatanii akka duumessaafi huurrii baddaatti lafa qabatanii tiratan kun, kan warra keenya ifaan dimismisa dukkanaa keessa deemsisan sammuutti na dhufnaan malee. Isaanumaafan dhiisa hamma of baranii deebii gaaffii kanaa deebisanitti. Ta’uu baannaan osoo beekumsaa hin argatiin bara isaanii guutuu osoo ofiif saba burjaajessanii du’anii hobbaafatu. Kana beekuun jalqaba isaanuma mataa isaanii, warra akka daawwitii ofii of duuba wallaalanii karaa fuula duraa kan dura qaban agarsiisan, fayyada waan ta’eef. Haa taa’u qadaadamee hamma gaafa deebii argatuutti. Baraaf waaqa malee namni kanaaf waan deebii qabu natti hin fakkaatu. Inni lammataa ani kitaaba kana irraa hubadhe immoo, ani Jaawwaraan_ ilmi abbaa Milkii waxxee qormaata jireenyaa anaafi wantoota anaan ala jiran irraa anatti waxxifamaniin, bakka hiriyyaakoo ga’uu dadhabee akka nama gabaatti alba’ee boquunkoo gadi cabee deemu, guyyaa baay’ee kaniin keessa darbuuf murteesse, boquuma cabsee osoo hiriyyootakoo ija isaanii hin ilaaliin, mana barumsaama ooleen gala jedheen ture_ yoon milkaa’eef hamman biyya nama maalummaakoo hin beeknee dhaqutti. Garuu maaltu boquukoo akka cabse, furmaanni isaa boquukoo ol qabu immoo maal akka ta’e, guyyaa tokko illee yaadee hin beeku. Kun immoo dogoggorakoo isa guddaa akka ta’e, guyyaa ayyaantuu guyyaan kitaaba kana itti dubbisen hubadhe. Ergan hubadhees, waxxeen kun qormaata jireenyaa akka ta’eefi qormaata kanaaf gad cabuunkoo furmaata akka hin taaneefi beekumsa dabalachuuf dadhabuukoo, akkasumas beekumsa dabalachuuf immoo kaayyoo lafa qabate yookaan kaayyoo bishaan gabatee irraa hin taane kan fuuldurakootti argamu qabaadhee gufuu baay’ee anaaf isa gidduu jiru injifannoon irra darbuu akka ta’e hubadheen murteessee dhugaa bahe dogoggoruukoo. Innis qormaata
mo’anii irra darbanii beekumsa badhaasamaniif osoo hin
yaaliin waxxee qormaata jireenyaa natti waxxifamaniif ganamaan jilbeeffachuukoo. Isan boquu cabsee oolee galuuf murteessee, amaleeffadhee
tures, guyyaa kanaa eegalee kaayyookoo of fuuldura dhaabee, deemsa fageenya yaadaa anaafi kaayyookoo gidduu diriiree qormaata jireenyaan guutame, injifannoon irra tarkaanfadhee kaayyookoo biraan ga’uuf ofumaa ofif murteesseen kitaabicha iddoo isaatti deebisee gara manakoo ishii golli ishiis, bakki ciisichaas, bakki nyaataas, bakki qo’annaas kutaama tokkoon guutamte mana kiraayiikootti, ofitti odeessaan ba’ee qajeele. Kana hundaayyuu kanaan murteesse egaa, qabxiinkoo baay’ee ana gammachiisuu baatus barnoota sadarkaa qophaa’inaa (preparatory) seenuuf ga’aa waan ta’eef baradhee boodas, barnoonni sadarkaa dhaabbilee barnoota olaanaa hedduun kaayyoo garaagaraa waliin akkuma fuuldurakoo jiru qormaanni jireenyaa hedduunis gidduu keenya waan jiraniif sodaa tokko malee injifannoon irra darbuufi.Haa ta’u malee har’uma guyyaa yaadnikoo kana murteesseefi, yaadnikoo galgalaa ergaan wantan dubbisaa oole deddeebisee yaadee waan baay’ee wal gate. Gaaffii natti uume. Na burjaajesse_ yaadnikoo. Mannikoo ishiin mana kiraayii kutaa tokko qofaa qabdi. Garuu kutaan qo’annaakoos, kutaan nyaataakoos, kutaan ciisichaakoos hunduu osoo adda addaan naaf ta’e baay’ee natti tola ture. Fedhaafi hawwii kana hundaa kutaa qofa qofaatti kan gaafatu qabaachuu miti, tokkittiimti tajaajila kana hundaa laattu iyyuu kankoo yookaan kan abbaakoo akka hin taane mana kiraayii ta’uusheen hubadhe_ kan nama ormaa. Kun immoo anaaf qormaata jireenyaati. Barachuun kaayyookoo waan tureef_ yeroo sanatti. Kana hundaa garuu kutaa tokko keessatti fayyadamee barattoota ijoollee sooressaa kan kutaan tajaajila adda addaa kun hundi isaaniif guutame waliin mana barumsaa tokkoofi kutaa tokko keessa taa’ee dorgomaa tokko ta’ee osoo addaan hin kutiin barachuunkoo mala dhahee qormaata jireenyaa tokko injifadhee beekumsa dabalachuukoo agarsiisa jedheen of waliin yaada wal jijjiiree of gammachiisuu eegale_ beekumsa
badhaasamuukoo. Kana duwwaas miti kaniin dur calliseetuma mana barumsaa
oolee galu, har’aa kaasee maaliif akkan mana barumsaa deemu beekuun qaba jedheen taa’ee of gaaffe_ Sodaa qormaata jireenyaan kaayyookoo dheessee akka biraa hin badneef. Deebiinsaa garuu kaayyookoo tokkicha lafa qabate qabaadhee fuulduratti itti adeemuuf waan lama natti ta’eeti kanan filadhu ana wallaalchise. Inni tokko mana barumsaa dhaquun anaaf kaayyookooti moo? jedha, inni kan biroon immoo mana barumsaa dhaquun daandii deemsakoo kaayyookootti ana geessudha jedhee yaadakoo waliin dhaha. Xiqqoo tokko taa’een keessakoo dhaggeeffachaa yaade. Manni barumsaafi barnoonni isaan lachuu kaayyookoof daandii akka ta’aniifi akkasumas deemsa anaafi kaayyookoo gidduutti, qormaata jireenyaa ana mudatan injifachuuf garuu
manni barumsaafi barnoonni kaayyookoo ta’aniiti karaa itti kaayyicha lafa qabate bakkaan ga’an deemsakoo fuuladuratti
butu. Garuu akkuma haalaafi bifa qormaatichaa irratti hundaa’ee daandii, mana barumsaafi barnoota kaayyoo taasisu akkan filadhu nan murteesse. Yeroo kana egaa, daandiin kaayyoo lafa qabateetti nama geessu yeroo tokko tokko bifa jijjiirratee, kaayyoo illee fakkaatee, daandiin kun kaayyoo kaayyootti nama geessu fakkaatee akka mul’atu ija
yaadaanan arge. Ta’us jalqaba deemsakoof of godhadhee deemsakoo xumuruuf dhumni isaa kaayyookoo isa lafa qabatedha, jedhee
ergaan xiqqoo yaadee booda ammas sammuunkoo qormaata jireenyaan waxalamaa ture gaaffii biraa natti dhale. Kunis qormaata jireenyaa, deemsa fageenya yaadaa kaayyoo bira
ga’uuf taasisu keessatti ana quunnaman hunda, moo’ichaan darbee kaayyookoo bira yoon ga’e isaa booda kaayyoo qabaachuuf xumura irran ga’emoo? Kaayyoon biraa ammas
fuuladura jira jedheen of gaaffe. Battalumatti gaaffiin of gaafadheef sammuunkoo hiikkaa xiinxala jechootaan dubbisaa oole irraa jireenyakoo darbe waliin wal bira qabee
deebii naa erge_ haa galatoomu. Akkana jedhe. Wanti wanta tokkoof xumura ta’e wanta isatti aanee gara fuuladuraatti jiruuf jalqaba ta’a jedhe. Anis itti amaneen kaayyoo tokko
qormaata jireenyaa injifatanii biraan ga’uun kaayyoo biraa itti
aanuuf karaa soquu jalqabuu yookaan ka’umsa akka ta’e nan hubadhe. Kanaafuu kaayyoon dhala namaa dhuma hin qabu, garuu seeruma uumaa ta’ee umriin dhala namaa, guyyaan beellamaa wallaalamus, dhuma waan qabuuf ammaan lubbuun jirutti karaa gara kaayyootti, kaayyoo gara karaatti jijjiiruu, seera uumaa gufuu daandii jireenyaa ittiin irra taran kana, waan gochuu hin dandeenye itti dhama’ee humna koo galata muka qoraanii gochuufi waanan gochuu qabu osoo hin godhiin hafee asheeta daraaree osoo ija hin naqatiin caamsaan qaqqabe osoo of hin taasisiin waanan gochuu danda’u gochuuf waadaa ofiif seeneen qabattookoo jabeeffadhee bixxillee xaafii nyaachaa barnootakoo kutaa 11ffaa eegale.



*****


Egaa, durillee yeroon barnoota sadarkaa tokkoffaas ta’e sagaliif kudhan baradhe, lakkoofsaan akka malee hedduummannu illee baay’een keenya ijaan wal beekna_ barattoonni. Naannooma tokkoo dhufne waan ta’eef. Kutaa 11ffaa ergan eegalee garuu akka duraanii baay’inaan hagas
hedduu miti. Ta’ullee barattoota daree adda addaa, waliin mana barumsaa barannu keessatti hedduun keenya bifaan illee wal agarree hin beeknu. Kunis kan ta’eef barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa na waliin fudhatan hedduun isaanii qabxii gara sadarkaa barnoota qophaa’inaatti isaan dabarsu waan dhufuufii dideef, hunduu gara na baasa jedhee filateettii adduma adda faffaca’eera. Kaan gara qonnaatti, kaan gara daldalaa, kan qarshiifi lafa dhabe immoo kaan gara hannaaf saamichaa, kaan immoo isa qabuuf hojjechaa du’aaf jireenya gidduu marmaaru_ gaaf tokko tokkotti kufuun isaaniis hin oolu. Barattoonni qophaa’inaaf dabarres xiqqoo kan ijaan wal beeknu illee daree adda addaatti bittinoofnee jirra. Warri mana bornootaa biraa kan akka Finca’aa, Jaartee, Haratoo, Saqalaafi Abee Dongoroo irraa carraa akka keenyaa_ qabxii qophaa’ina isaan seensisu argatan, manni barumsaa qophaa’inaa yeroo sanatti iddoo ani itti baradhe mana barumsaa magaalaa Shaambuu malee kan isaanitti dhiyaatu waan hin jirreef, barattoota bakka biraatii fira qaban malee, baay’een isaanii dhufanii galmaa’anii barnoota eegalaniiru. Baay’een keenya egaa keessummaa waan walitti taaneef, garuu manni barumsaa nuyi hundi itti walgeenye immoo dhuunfaatti abbaa manaa akka mana dhuunfaatti waan hin qabneef, kan ka’ee wal haa barru kun abalu jedhama, an abaluun jedhama, dubbadhaa, taphadhaa jedhe tokkollee hin turre. Hunduu ija lafa jalaan hatee hatee wal ilaaluu malee. Barnoota eegallee ji’a tokko erga darbee booda yeroo hunduu akkuma walitti dhiyaatee taa’uun wal taphachiisuu eegalu, anis kan ana cinaa waliin waa’ee barnootaa dur bakka turretti dabarsinee, taphachuun eeagale. Osuma seenaan barnootakoo darbee madaa qubaa natti ta’uu. Akka carraa ta’ee barataan ana cinaa taa’e barataa mana barumsaa Haratoottii xumure Kifilee Zamanuu jedhama. Maqaas wal barree wal kokkofalchiisaa hasaasuu erga jalqabnee guyyaan bubbuleera. Guyyaama dhufee darbu baay’ee garaa wal barree waa baay’ee waliin taphachuutti kaane. Ajandaa guddicha bara dargaggummaa kan ta’e, waa’ee shamarranii kaasnee erga waliin qoosnee booda, shamarroota mana barumsaa biraa irraa dhufan daree keessaa halaalatti ijaan barbaaduu eegalle. Akkuma tasaa yeroo iji
keenya shamarroota sadii kan taa’umsa gara gamaa irra taa’an waliin wal irra bu’us gaduma jennee akka nama qaana’eetti ofii wal ilaallee walitti kofalla_ anaaf Kifileen. Shamarran nuti hannee isaan ilaallu kunis osuma nu arganii akka nama hin agarree sobanii gama gama ilaalu malee qaanii keenya kana nurratti hubachuu hin oolle. Bulee bubbulee isaanis nu ilaalanii wal ilaalu. Ni kokkolfu. Yeroo hundaa deddeebi’anii ijaan nu mil’atu. Guyyaa tokkodha egaa kan yeroo kaan, yeroo hunda, si’an ijaan isaan ilaalu kolfanis callisanis, ani garaa kootti kolfee gammadu, waan haaraan kan na mudate. Innis, kolfa shamarreen sun nu mil’atanii kolfan, yeroo hunda iyyuu yerooma ilkaan saaqan ijaan halaalatti agarra malee sagaleedhaan kolfa ishii kamiitu akka bareedus ta’e fokkisu gurraan dhageenyee hin beeknu. Garuu ijikoo dur gamatti fuula isaanii ilaalee ni kolfu, ni callisu jedhee sammuukootti himaa ture, har’a altokkittii baallee ijakoo olqabadhee garuman dur baretti yeroon ibsaa ijakoo ibsu, ijashee bongol gootee xiqqoo na ilaalteeti kan dur ijikoo argu kolfa seeqa ilkaanshee dhiistee calluma jette_ waan haaraa. Ergan ishii ilaaluu jalqabee kan ani argee hin beekne nyaara guurtee lafa ilaalte. Anis akka nahuu taheen callisee osoo ijakoo irraa hin buqqisiin kan durii caalaan ishee ilaale_ ija baasee. Yeroo kana egaa galma onneekoo irraa ka’ee daandii carara ibsaa ijakoo irra deemee habbuuqqaa jaalalaa geessee osoo ishiitti hin himiiniifi itti hin kenniin toluma, kolfasheefi seeqa ishii irraa gammachuu kan naa fidaa ture har’a daandii summii hirriba nama dhowwu irra daldalan ta’ee achii as ija babaasisaasaa natti guure_ yaadnikoo. Anis akka of wareeruu ta’eeni mucaa ana cinaa taa’u kana_ Kifilee, kottu waa wal mari’anna jedheen mataasaa qabee gara kootti ofitti qabe. Innis gadi natti jedheeti « maali Jaawwaraa har’ammoo dubartootittii yeroo hundaa as nu laaltu kana ijaan illee ilaalteema kolfuu iyyuu irraanfattehoo » naan jedhe. Kifilee… ana dursitee dubbatte malee kaniin mari’anna siin jedhe illee waa’ema kanaati. Kanaan booda, ani har’aa kaasee akka kanaan duraa hunduma isaaniitti ilkaankoo hin yaasu. Garuu isaan keessaa ishii mucaa dhiiraa mataa jigaa sanaafi intalittii diimtuu mataa dheeraa sana gidduu teessu du’een bada malee hin dhiisu. Yoo dhuguma hiriyyaakoo taate ammaa kaasii mala naaf barbaadi karaan intala kana itti argadhu jedheen intalittii ijikoo ilaalee sammuunkoo wareere sana Kifileetti agarsiifadhe_ mudannoo haaraa har’a na mudatee qaama na rom’isiise of keessa dhoksee.Kifileenis “duraan dursa garuu Jaawwaraa gaaffii ani sigaafadhu fedhakeetiin dhugaa onneekee keessa jiru naa deebisuuf ati eeyyamamaadhaa ?” jedhee na gaafate. Eeyyee, waanan beeku hin beeku, siin hin jedhu. Waan
barbaadde sodaa tokko malee na gaafadhu jedheen ija isaa
keessa ija jaalalaan ilaale.
Innis xiqqoo lafa hedeeti, “toleka Jaawweekoo” jedhe. Ana
gaafachuuf waan afaan banate fakkaateeti achumaan callisee
na ilaale. Maali? maal taate? sin gaafadha jettee na gaafachuu sodaattemoo, maal shakkite? jedheen anis ija isaa keessa ilaale. Haalli fuula isaas kan dur waliin qaaqnu irraa adda natti ta’e. “Lakki hin sodaanneyyuu. Jaawwee, haa ta’u malee ati hanga har’aatti jaalallee jaalala waliin dabarsite qabdaa?” jedhe. Afaanii baasee na gaafate_ fuulaafi haalaan ani itti himes tapha durii irraa adda waan itti ta’e natti fakkaata. Lakki, jaalalleen jaalala waliin dabarse hanga ammaatti hin qabu. Garuu shamarran tokko tokkoo ishuma gaafa gabaatti karaatti wal agarree waliin taphannu malee, jaalallee dhugaa
hamma du’aa dullumaatti naa taati, waliinan jireenya biyya lafaa dabarsa jedhee qabadheeru hin qabu jedheen dhugaa onneekoo keessaa osoo hin dhoksiin kan natti fakkaate itti hime.“Ihii … maal maal jette aboo. Jaalallee hamma du’aa dullumaatti ana waliin taatun godhadha jetteetiire, ati amma intala gama teessu kana kan naaf haasofsiisi naan jettu” naan jedhe_ Kifileen.Eeyyeekaa . Kun sii hin gallee ? Hamma yoomiittan jaalala karaa irraafi gabaa irraa dabarsa ani Kifilee… jedheen callise. “Akkas yoo ta’e egaa, haadhookoo osoo shamarreen jaalala
karaarraas ta’e gabaarraa waliin dabarsite, kan garaa isaaniifi
maalummaa isaanii beektu jiranii, kan jaalala karaa irraafi gabaa irraa waliin hin dabarsine intalittii kana jaalala hamma du’aaf dullumaatti waliin dabarsuuf akkamitti filatteree ?
Moo… dubartiin ati jaalala akkasii waliin dabarsuuf filattu madaallii kan ati ittiin madaaltu kan addaa qabda ?” jedhe.
Ammas gaaffii irratti gaaffii natti dhiyeesse. Silaa dura na
gaafadhu jedhee waan eeyyameefiif homaa jechuu hin dandeenye. Xiqquma calliseen akkas jedhe. …..Kifilee ani karaa mataakoo akkamitti akka jaalallee filatani miti jaalalumti mataan isaa hanga har’aatti maal akka ta’eefi akkam akka nama godhus, maal akka nama godhus, waan tokko illee waanuman beeku hin qabu. Garuu har’ammoo, shamarreema dur ilaallee walitti kofallu sana, ijikoo xiqquma osoo ishiin na laaltuu irra bu’ee yeroo deebi’u, waantuma qaamakoo akka dhallaadduu bishaan keessaa na hoollachiisuufi garaakoo akka nama waa gatee ana bir’achiisu na keessa facaase. Kanaaf, anis hanga har’aatti yeroon jaalala karaa irraafi gabaa irraa dabarsaa turetti akkas ta’ee waan hin beekneef, kun jaalala isa dhugaa umrii dheeraati ta’aa jedhee shakkeeni sitti himachuunkoo iyyuu jedheen, gaaffiirratti gaaffiin kan inni na mudde dhugaa jiru, kan dura rom’uukoof kirkiruukoo dhoksadhee ture ifa baaseen itti hime. Bilbilli dhumaa gara manaatti gallu waan bilbilameef, “waan hundaafuu mee ka’imee Jaawwee hanga wal irraa maqnutti odeessaa yaana. Kan hafes bor rafnee kaanee mari’anna” jedhe. Barruulee isaa walitti qabatee na laale _ hiriyyaankoo Kifileen. Tole, garuu xiqqoo obsi. Intalittiimti kun daree keessaa haa
baatu. Duuba isaanii deemnee mana barumsaa kamii akka dhufteefi eessa akka ishiin galtu itti gaafanna jedheen ol ka’ee minjaala irratti barreeffannu irra fuuldura Kifileen taa’e. Akkuma barattoonni dareetii yaa’aniin intala hiriyyaashee daree biraa jirtu intala bareedduu diimtuu tokko cinaa buutee intalittiin dareekoo ani hoollachaafii jiru kun, gara mana ishiitti kokkolfaa qajeelte. Anis hiriyyaakoo Kifilee waliin duuba bu’een qajeele_ akka tikee galgalaan loon galchituu. Duubuma isaanii osoo deemnuu yeroo duubatti mil’attu, ijikoo ija ishiirra bu’e. Ishiinis hiriyyaa ishiitti waa hasaasteeti kikiksanii kolfani. Anis waanan dubadhu wallaaleen, sombikoo lapheetti ol cufameeti, hafuura baafachuufis fudhachuufis nama aara hubboo keessa seenen ta’e. Muddamuufi cinqiin baay’ee natti dabalaa adeeme. Maalittan duuba jara kanaa dhufe ? Osoon dura darbee galeera ta’e, jedheen of ceepha’aa sodaan ishii irraa qabuun jaalala dhugaa ishiif qabu itti dubbachuu miti ijaajjee deemuuf lukti na jalatti sirbe_ of fuulduratti ishii ilaalee. Kifileenis, calliseetuma ana cinaa deemee waa’eekoo ammaa kana, kanan duratti isatti dubbadhe waliin makee yaadaan buusee baasa. Nu lachuu osuma waan tokko itti hin dubbatiin iddoo mana kiraayiikoo geenye. Hirriyyaankoo Kifileenis “Jaawwee… jedhi egaa mannikee asi natti fakkaata. Waan hundaafuu ani amma duuba isaanii deemeen mana ishiin galtuufi mana barumsaa ishiin irraa dhufte gaafadheen bor siif bareen dhufa. Isaa booda akkuma taanu taanee siif haasofsiifna. Jedhi, galii kitaabakee dubbisi” jedhe. Gateettiin natti bu’ee teellaa isaanii qajeele, kophaa
isaa. Tole, jedhi nagaatti. Galatoomi! Jedheen dallaa mana kiraayiikootti seene. Dhagaa warri abbaa manaa tuulaniiran tokkorra koree taa’een galaana yaadaa haphaluu eegale. Amma dhuguma intalli kun osoon gaafadhe tole naa jettii ? Ani hin beeku. Ilkaan ishii silaa baddeessaa arfaasaa laga Asattiiti. Yaa uumaa siif safuu! Ilkaan rabbi naaf laate osoon qabuu kan namaa ilaalee yeroo qaamnikoo hoollatu. Ija ishiis ilaali adaraa waaqaa, buutii dhagaa jalaa akka gucaa namatti ibsu fakkaata yeroo ishiin baallee ijashee ol qabdee gabatee gurraacharraa qubee funaantu. Rifeensi matichaa silaa maali, ishiinuu beekkattee ol martee gad martee xaxxee hiiteetti malee osoo gadi gadhiistee deemti ta’ehoo Jaawwee ilmi abbaa Milkii yoona qaata maraatteetti. Waaqayyoof safuudha! Ishii kaanoo kaan funyaan milikkita gumbii fakkeessa, kaan rifeensa mataa xaafii goordanarraa roobni itti caame fakkeessa, kaan hidhii qarqara cumboo Horroo fakkeessa, kaan immoo ilkaan kalaadaa karkarroo fakkeessa. Kaan immoo deemsa jettee jilbaan lafa gadheessiti. Otuma hamma ta’e qaama alaan hunda tolcheyyuu kaan immoo amalaan foolii Xirinyii godhee akka namni irraa baqatu, karaa ishiin dabarte akka namni hin dabarre godha. Kan ishii kanaa nama ajaa’iba. Qaamaanillee akkuma Mahibuubaa mudaa bareedinaa tokko malee ishii uumeeti, amala isa akka aannanii nama qabbaneessu kana, kan akka asheeta Birraa daandiirraa nama waamu. Nama hawwatu kana ishii badhaase. Bohoo! lafumti dhihee naaf haabari’u. Tole jettes jechuu baattus lafa maaltu garagala. Afaan kootii baaseen du’a. Maaltummoo na ajjeesa? Akka ani ishii jaaladhehoo ammuma iyyuu ciicachuun ishii hin hafne. Garuu maaliif na laaltee hiriyyaa ishiitti hasaastee kofalti? Ishii jaalachuukoo barteeti ana tuffattee kofaltimoo? Akkasidha taanaan kuni fala hin qabu. Kana rabbumatu kuulee sararee uumee, mana barumsaa ishiin barattee harka qabee fidee, ana cinaa kaa’ee na maraachee qullaa na deemsisuuf murteesseera yoo ta’e malee…. Nama dhiba hojiin rabbii! Yerootti baakteeriyaafi vaayirasoonni dhala namaa fixaa turan qoricha argatanii, bara namni fayyaan jiraachaa jiru keessa, nama akka ofii bishaan dhugee fincaan fincaa’uufi midhaan nyaatee udaan hagu, ala isaa ijatti bareechee dhukkuba natti godhee ana ajjeesuufii? Ajaa’iba! Ishii kan alli ishii bareede, qaamni ishii jaalala ishiif dabaleeti kan koo keessi koo jaalala dhugaan bareedee onneen koo dhukkuba naa dabalee? Moo bara fuggisoo dhaladheen jaalalaan miidhamaa? Dhalachuun koo akeeka rabbii mitii laata? jedhee osoon yaadaan uumaaf uumamaa waliin makuu “Maali aabbee har’ammoo jedhuma jettee dabtarakee manatti galfachuun illee si jibbisiiseeti barruulee qabattee kan sa’aa jahaatti galte hanga sa’aa kanaa ala teessaa?” jedhee galaana yaadaa keessaa wareersee na dammaqse. Hiriyyaankoo ollaa manakoo galu_ Tokkummaan. Yeroon ol jedhee isa ilaalu mucaan dhiiraa fuula haarowaa tokko duuba isaa ijaajja. Anis xiqqoo uf-f-f…. jedhee hafuura dheeraa baafadheeni, lakkii… Tokkee dhagaan kun taa’umsaaf natti tollaaninii as taa’a malee manakoo jibbeen miti. Kottaa ol seenaa? Shaayii isiniin dhaaba jedheen iddoon taa’uu ol ka’ee dhaabadhe. “Beenukaa erga jetteemmoo nuu danfisi. Anoo keessummaayyuu qaba har’oo” jedheeti mucaa fuula haaraa duuba isaa ijaajju sana harkasaa qabatee garakootti siqe. “Mee dursa mucaa kana waliin wal bari Jaawwaraa…. Hiriyyaakooti. Daree keessatti wal bira teenya” jedhe_Tokkummaan. Tole, jedheen itti siqee harka fuudhe. Jaawwaraa naan jedhan jedheen maqaakoo itti hime. Innis “Gaanfuree naan jedhan” jedhee maqaa isaa natti hime.Kottaaka? Ol seenaa jedheen balbala manakoo furtuun baneen ol seenee barruuleekoo olkaayyadhe. Isaanis duubakoo na hordofanii mana kootti ol seenan.


                           *****


Silaa bakka taa’umsa keessummaa duraanuu hin qabu. Siree ciisichaa koo ishii muka duudaa irraa akka saqalaa boqqolloo laga ciraatti hojjetamte irra gad taa’ani. Shaayii isinii danfisakaa jedhaa taphadhaa jedhee yeroon cinaa isaanii bakkan taa’ee ol ka’u, “lakki anoo taphaafan siin jedhe malee nuyi mana kootii laaqana nyaannee, dhugnee dhufne. Amma suma waliin xiqqoo taphanna jennee dhufne malee waan dhugamu barbaacha miti. Garuu ati waan laaqana hin nyaanne fakkaatta. Yoo jiraate ofiikee fudhuu nyaadhu. Yoo hin jiru ta’emmoo beenu mana koo deemnee bixxillee gogduu nyaatta. Cuuphanni illee waan jiru natti hin fakkaatu” jedhe. Ija keessa na laale. Lakkii, Tokkee koo nyaadheerayyuu. Isin nyaattaniittu taanaan asuma turaa teenyee waliin taphanna jedheen osuma bixxilleen manakoo jiruu, otoo hin nyaatiin akka nama nyaateeruu ta’eeni fuuldurasaanii ofirra quuphaneen
taphachuu eegale. Gaanfuree ati mana barumsaa kam irraa dhufte? jedheen gaaffe. “Ani mana barumsaa Finca’aa irraan dhufe” jedhe. Tokkeen sitti himeera natti fakkaata egaa. Nuyi asuma Shaambutti baranne jedheen anis eessatti akkan baradhe itti hime. “Eeyyee, natti himeera. Anis kanumaafi egaa manakee Tokkummaa wajjin kanin dhufe . Biyya na barsiistu. Kan akka jaalalleefaa durba Shaambuu keessaa naaf barbaaddu malee waggaa lama hamman as turutti  kophaakoo danda’aare?” jedhee nu kofalchiise_ Gaanfureen. “Nuyi intala keenya nama intala biyyasaa nuu fideef malee dabarsinee hin laannu. Yoo barbaadde shamarran biyyakee achitti waliin baratte dafii wal nubarsiisii garaa nu laaffifadhu malee kanaan ala ilmoo kuruphee taatee hafta Shaambu irratti” jedheeti Tokkummaanis qoosaa irratti qoosaa dabaleeti kolfaan mar’ummaan nu cire. Jaalala hiriyyaa saala faallaaf jalqaba ta’uun keenya kunis Gaanfureetiin illee akkuma nama biyya Maccaa dhufeetti akka ilaallu nu taasise_ durba biyyakee nuuf fidi jechuu keenya. Akkanumaan tapha nama kokkofalchiisu wal walitti darbachaa turre. Aduun dhiiyinaan, “ka’een keessummaa kana gara mana isaatti gaggeessee deebi’een hojii manaa tokko hojjedha. Egaa Jaawwee atis xiqqoo qo’adhu” jedhe. Hiriyyaa isaa Gaanfuree fudhatee qajeele_ Tokkummaan. Tolekaa, deddeebi’ii taphadhu kottuutii achumaan hin badiin. Jedhaa nagaan bulaa. Halkan gaarii isiniif haa ta’u, jedheen isaan gaggeesse. Deebi’ee mana kootti ol seeneen kophaakoo takka taa’e. Ijaan
keenyana manakoo fuulduraa hanga duubaatti ilaaleen, achumaan duubaan siree koo irratti kufe_ osoo hin beekiin hirribaan dagatame. Osuma uffatakoo of irraa hin baasiin otoon ciisee yaadaan farda jaalala jalqabaa gulufuu hirribni dhufee ana fudhatee badeera. Hirriba keessaas dammaqee yeroon utaalee ka’u sa’atiin halkan keessaa 11:00 ta’eera. Hamma kanaatti egaa barruulee koo qaamaan miti yaadaan illee gargar hin saaqne. Waa’een qoonqoo silaa irraanfatameera. Irbaanni waa’ee intala bareedduu yaaduu taate. Barruulee koo tokko butadheen of fuuldura kaa’ee dubbisuun eegale. Madaa of dagachuu bara barnoota koo darban keessatti na mudatantu na keessaa bir’atee barruulee
na kaasise malee sammuu tasgabbaa’ee qayyabannaaf qophaa’e qabaadheen miti. Osoo barruuleekoo hin dubbisiin yeroo koo haga kana gubuun koo baay’ee na aarse. Anis dafee utaalee ala ba’een fuula koo dhiqadhee deebi’een dubbisuu eegale. Xiqquma akkan dubbiseen boroon barii borgog jedhee diimate. Laftis bari’e. Anis akkuma durattii cireekoo bixxillee gogduu nyaadhee, barruuleekoo qabadheen gara mana barumsaatti qajeele. Hamman hiriyyaakoo, Kifilee arguttis baay’ee ariifadheera. Waa’ee kaleessa dubbannee gargar baanee sana
maal irra akka inni ga’ee bule gaafachuuf. Akkuman mana
barumsaa ga’een dafee ariitii dhaan Kifilee bira deemee anumaa itti haasa’uu jalqabu baay’ee natti kolfe. Maali? maal natti kofaltaa? jedheen deebi’ee lafa ilaale. “Waanuma kaleessa hamma kanaa guddifnee taphannetu na
ajaa’ibee ana kofalchiisa” jedhe_ Kifileen.
Ati fayyaa hin qabduu obboleessakoo? Wanti kana caalaa guddifamee odeeffamu anaafi sii gidduutti akka hin jirre hubadhu. “Ollaan bultee beekaa akkatti bule abbaa beeka”
jedha Oromoon. Kanaafuu keessakoofi muddamakoo anaafi galgala edaatu beeka. Salphistee hin ilaaliin, jedheen fuula aariitiin sagalee jabaa itti dubbadhe. Kifileenis, “wanta ani jechuu barbaade osoo hin hubatiin jarjartee waan biraa keessa galte malee, Jaawweekoo kan ani siin jechuu barbaade waan biraati” jedhe. Maali inni biraa immoo? jedheen ammas nyaara itti guure. “Maal seete Jaawwee, intalittii ati jaalatte sun, kan kaleessa
maqaa ishiifi mana ishii baruuf akka waan guddaatti ilaalle, har’a maqaasheef manashee dhiisiitii akka ati ishii jaalatteyyuu itti himee amansiise. Akka ishiin si haasofsiiftus waadaa galcheera. Kanaafi egaa salphisee ilaalee sitti kolfuunkoo. Wanta nuti hin eegnetu nuuf mijate waan ta’eef“ jedhe Kifileen. Akka inni yaadetti, nan haasofsiisa jechuun ishii, waan tole jette fakkaata. Dhugumakee jettamoo natti qoosaa jirtaa? Kifilee…. Egaa ani kana hin amanu jedheen callisee lafa ilaale. Kifileenis, “Jaawwee egaa amantes amanuu baattes har’a sa’aa booda mana barumsaatii akka baaneen waliin isin qunnamsiisa jedhee waadaa ishii galcheen jira. Kanaafuu, booda waan jettu ammumaa jalqabii itti qophaa’i. Ani waan anarraa eegamu xumuree gara keetti dabarsuuf sa’aa xiqqootu ana hafe” jedhee gara dareetti ol seene. Anis faanuma isaan ol seene. Barsiisaanis daree seenee
barsiisuu eegale. Anis sa’aatii sanaa eegalee waanan ishii jedhuufi waanin gochuufii qabu buusee baaseen yaaduu jalqabe_ tole ana jechuu ishii gammadee. Namni ofiifuu waan godhu hin qabne kan bixxillee gogaa nyaatee oolee bulu_ waa’ee barsiisaa dhaggeeffachuu dhiisee. Akkuma barsiisaan jalqabaa daree keessaa ba’een, anis kottee isaa irra ejjedheen
utaalee ala bu’e. Fiigichan keessaa fuudhe. Akka jabbiin burraaqe. Akkamitti dareetii akkan ba’es, akkamitti akkan mana koo ga’es hin beeku. Balbaluma mana kootti of arguu koo malee _ gammachuuf naasuun wal-makee of na wallaalchiseera. Mana kootti ol seeneen uffatan qabu hundaa gad guureen ofitti safaruu jalqabe. Kamtu irra caalaa anarraa
bareedee intala sana hawwatee gammachiisuu danda’a jedhee
filadhee uffachuuf. Namni yookaan hiriyyaan kun sirraa bareeda uffadhu, kun immoo sirraa fokkisa of irraa baasi kan anaan jedhes hin turre. Yaadaan intalli ani jaaladhe kun ka ana cinaa dhaabbattee kana wayya, kana dhiisi jettu natti fakkaata ture. Dhugaan jiru garuu kan ilaalus ana, kan ilaallatus ana. Sanuu onnee lafa bir’ateen. Durumaanuu uffata hedduu hin qabu. Ta’us ishuman qabu keessaa ergan filadhee uffadhee fuulattis waa diddibadhe. Gara mana barumsaatti deebi’een akka billaachaa kaadhe. Yeroonis egaa qophaa’i jedhee taa’ee sin eeguutii sa’aatii booda inni jedhame, yeroon beellamaa ga’uuf bilbilli dhumaa bilbilamee gara manaattiim
yaanee qajeelle. Kifilee… Maqaa ishii barteetta mitii ? Eenyu jedheen ishii dubbisaree? Amma natti himi malee, jedheen osoo hin beekiin Kifilee gaaffiin sarduu barbaade. Kan dura ishii argachuun samii tuquuf yaaluu natti fakkaatee ture sin haasofsiisa jechuu ishii dhageenyaan lapheen nuugii na tume. “Maqaan ishii illee Kuluulee jedhamti. Garuu ati yeroo harka
fuutu maqaan koo abaluun jedhama jedhii itti himi. Ishiinis sitti
himti” jedhe, Kifileen. Inniin ani barumsa dhiisee galee uffata
jijjiirradhee, fuula cululuqfadhee deebi’e garuu Kifilee baay’ee kofalchiiseera. Osuma afaanii baasee dubbachuu
dhiiseyyuu. Tole jedheen hiriyyaakoo_ Kqifilee waliin balbala galma mana barumsaa irra ijaajjinee eegne. Kuluuleenis hiriyyaa ishii waliin akkuma kaleessa yoonaa kokkolfaa dhufte. Akkuma dhufanii nu bira ga’aniin, “jarana maal taatan? Barsiisaan biraa erga nuyi baanee isinii galemoo? Moo deemsuma dadhabdaniiti boodatti haftan?” jedheeti Kifileen harka isaa gara Kuluuleetti hiixate_nagaa gaafachuuf. Ishiinis akka qaqqaana’uu tokko taateeti callisteetuma harka hiixattee nagaa gaafatte_ hiriyyaa ishii waliin. “Kun egaa hiriyyaakoo kaniin kaleessa waa’ee isaa sitti himedha. Wal bari Kuullee” jedhe, Kifileen. “Kuluulee naan jedhan” jettee harka na fuute. Anis Jaawwaraa naan jedhan jedheen harka hafuura sodaa dhaan dafqa dibateen harka fuudhe. Yeroo yartuuf hundi keenya iyyuu akka callisuu taane. Garaa waan wal hin beekneef qofa miti wanti wal nu barsiise sun _jaalalli _hunda keenya iyyuu waan saalfachiise natti fakkaata. Warri kuun yoo akkakoo sodaan hollachuu baatanillee. Egaa anis callisuma keenya kana cabsuuf jecha, barnoonni akkamiree Kuluulee? jedheen ijaan of ishii ilaalchise. “Gaariidha egaa hanga ammaatti, isa gara fuula duraa hin beeku malee” jette. Dubbiin ana jalaa bade. Itti fufee waanan dubbadhun dhabe. Waanan itti qophaa’e hunduu lafa inni bu’en dhabe. Wantin ani dubbii fida jedhee itti dubbadhus jechuma ishiin altokko dubbattuun guduunfama. Kifileefi hiriyyaan Kuluulee akka nuyi waliin taphannu barbaadaniiti, anaafi Kuluulee dhiisanii qarqara daandii qabatanii akkuma nama nu hin beeknee lama ta’anii haasaa dhaan wal kokkofalchiisaa nurraa siqan. Anis yeroon waanan dubbadhu dhabu iddoo maqa manakoo ga’ee osoo
waan tokko afaan ishii irraa hin dhagahiin maal jedheen irraa gora jedheen of wareeree akkuma nama gammoojjii Baloo Bareedaa keessaa leencaaf gafarsa ari’uu dafqa xuruurfadhe. Kuluulee…. ergaan koo si ga’eera mitii? jedheen gaaffe. “Ergaa maaliiti?” jettee yeroo ija keessa na laaltu ittuu itti caale dafqi fuula koo irraa roobu. Ishiinis akkan ani ishii saalfadhe hubatteetti. Saalfii sodaa ta’uuf jaalala dhugaa ta’uu isaa garuu adda baafachuu hin dandeenye. Ammas ija keessa na mil’atteeti, osuma ani waan tokko hin deebisiiniifii, “Kifileen waan kaleessa natti hime sanadhaayi?” jette. Eeyyee, jedheen callise anis _ gammachuu ana haasofsiisuu ishii irraa qabuun. “Maaliree deebisaa isumatti himeen ture, isarraa hin dhageenyee?” jette. Dhagaheera, garuu afaan namaa caalaa afaanuma kee irraa osoon dhagahe na gammachiisa jedhee waanin yaadeefi malee jedheen deebiseef. “Wanni anarraa dhageessu hunduu na gammachiisa jechuukeetimoo maal jechuu barbaadeeti?” jette. Eeyyee, Kanumaafi si jaaladhee si gaafachuunkoo iyyuu jedheen akkan ishii jaaladhullee dubbii hiriyyaakoo kaleessaatti dabalee afaanii baaseen itti hime. “Dhiifama naaf godhi Jaawwaraa…. yeroon amma anis ta’e ati irra jirru, jireenya keenya gara fuula duraaf kan itti dhagaa bu’uuraa keenyu dha malee kan itti jaalala keessa gallee wal takaallu miti. Anaaf yeroon itti jaalala hiriyyaa saala faallaa jalqabnu amma miti. Atis kana beektee osoo waan baay’ee keessa hin galiin meeshaa barri hin jijjiirre kan ittiin dhagaa bu’uura jireenyaa ittiin kaa’aniifi ittiin gamoo jireenyaa ijaaran kana, barnoota kee jabaattee barattee bakkaan akka geessu si gorsuun barbaada. Kanaafuu wanni haaraan anarraa dhageessu yoo jiraate, akka obbolummaatti gorsa waan ofiif yookaan obboleessa koof hin barbaanne siifillee akka hin hawwine sitti himuu qofaadha” jette. Asitti jalqabe wanti ani yaadee dhufeefi wanni dhugaan ana mudate jireenya koo irratti qumaaraa taphachuu. Sodaan anaan dafqa firiirsise, waa’ee tole jechuusheefi dhiisuu ishii adda baasuu osoo hin taane, waa’ee tapha dubbii jaalala hiriyyaa faallaa wallaaluu kooti. Dubbiin ganamaan daree barnootaa koo keessaa ana baasee uffata sagal na jijjiirsisee dibataan fuula koo cululuqse waan uffata anarraa baasee awwaara natti uffisee qullaa na fiigsuuf ka’e fakkaata. Akkan dubbii afaan Kuluulee irraa dhagahetti. Addunyaan jireenyaa uffata gurraachaan kan ana marse yero kana egaa. Maaloo Kuluulee, inni ati jette akkuma jirutti ta’ee, yeroo kanatti hiriyyaa qabachuun waan jireenya namaa sakaalu natti hin fakkaatu. Hiriyyaa keenya miti kan nuu gadiiyyuu yeroo ammaa kana hiriyyaa lama sadii qabu. Tokko qabatanii waliin jiraachuun garuu rakkoo qabaatee natti hin mul’atu. Akkamitti sitti akka fakkaate hin beeku malee. Kanaafuu gorsa yaadakee kana irra deebii ilaali. Baay’een si jaaladha. Siwaliin jiraachuufis onnata guddaan qaba. Jaalala ani siif qabu naaf hubadhu. Ati jaalala jalqabuun jireenya sakaala jetta. Ani garuu jaalalakee dhabuutu jireenyakoo sakaala jedhee shakkiifi sodaa guddaan qaba. Maaloo Kuulleekoo naaf beeki jedheen mata duree yaadee hin dhufne taphachiisuu eegale. “Yoo gorsakoo fudhatte, yaadakee jijjiirrattee nama jireenyaa taatee barnoota kee akka seeraan barattu abdiin qaba. Yoo fudhachuu dhaa baatte garuu ani yaada koo hin jijjiiru, karoora kooti waan ta’eef. Inni ati har’a jireenya koof furmaata ta’a jettee yaadde bor fixeensa ta’ee akka wucoolee gogorrii barrisee si harkaa badee, weennii gabaa keessatti mukarraa buute si gochuu danda’a waan ta’eef kun illee akka jiru beekii jiraadhu. Yoo ana waliin ta’uudhaa baatellee akka amma jechaa jirtutti shamarra biraa waliin jaalala jalqabuun kee waan hin oolleef. Kanaa booda ani yeroo barnoota koo duwwaadha karoorfadhee kan ani qabu. Kanaaf hojii manaa ani hin karoorfanneefi yeroo kanatti hin barbaanne irra deddeebitee akka karoora koo ana jalaa hin gufachiifneefi har’a si beellamee dhugaa jiru fuulaaf fuulatti sitti himuu kanan barbaadeef. Kana hubadhuutii ana waliin jaalala jalqabuuf karoora yoo qabaatte anas ta’e mataakee osoo hin miidhiin ammumaa kaasii dhaabi” jette, Kuluuleen. 



Itti fufa,...

Comments

Popular Posts