Fayyaa:Health:- Nyaataafi fayyaa

Faayidaalee timaatimaa(benefits of tomatoes) 🍅 
🍅







Timaatimaa fi Fayyaa (health and tomatoes)


1. Timaatimni tokkichi vitamin C haga guyyaa tokkotti nu barbaachisu keessaa 40% nuuf kennuu danda’a.

2. Keemikaalli lycopene jedhamu kan halluu diimaa timaatimaaf kennu fayyummaa onnee keenyaaf ni gargaara.

3. Agartuu/qaroo ijaa hedduu cimsa, dhukkuboota ijaa tokko tokkos carraa nama qabuu isaanii ni hir’isa.

4. Gogiinsa garaa namoota qabaniif fiber hedduu waan of keessaa qabuuf ni gargaara.

5. Namoota dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaaffaa (type 2 diabetes mellitus) qabaniif sukkaara isaanii to’achuuf ga’ee qaba.

6. Gogaan keenya fayyaa akka qabaatuuf dafee akka hin suntuurre gargaara. Kanaafis keemikaalli lycopene jedhamu sanatu fayyada. Keessuuma yoo bilcheessanii nyaatan keemikaalli lycopene jedhamu kun sirriitti argama.

7. Timaatima soorachuun dhibeewwan Kaansarii garagaraa (Kaansarii garaachaa, sombaa fi mar’ummaanii) nurraa qolata.

Madda



Comments

Popular Posts