Skip to main content

Oddeeffannoowwan fayyaa namaan wal-qabatan argachuuf,marsariitii kana fayyaadamaa?

Hir’ina Dhiigaa (Anemia)

Hir’ina dhiigaa jechuun yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu’e jechuudha.

Mallattoon Isaa:

1. Dadhabbii, afuurri cituu, harkii fi miilli dilallaa’uu.
2. Mataa dhukkubbii, lafti namaan maruu, waa yaadachuu dadhabuu.
3. Dha’annaan onnee oduma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaga’amuu.
4. Gurra keessaa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.

Maaltu Hir’ina Dhiigaa Fidaa?

1. Dhiiguu qaamaa, kanneen akka balaa tasaa, da’umsaa, marsaa laguu, kintaarootii fi kkf.
2. Hir’ina viitamin B.
3. Hir’ina elementii ayirenii (Iron).
4. Dhukkuba garaachaa.
5. Raammoo garaa (hook worm).
6. Dhukkuba busaa (malaria).
7. Dhukkuba kalee yoo baayyee namarra ture.
8. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni oomishamu) miidhan.
9. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf namarra turan illee hir’ina dhiigaa ni fidu.

Nyaata Kam Nyaannee Of Wal’aanna?

1. Hundee diimaa.
2. Timaatimaa fi loomii3. Tiruu.
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan.

Hubachiisa: Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu bunaa fi shaayii waliin dhuguu hin qabnu. Kunis xuuxamuu iron waan hir’isuufidha.

Share this...
Share on FacebookTweet about this on TwitterShare on WhatsappPin on PinterestShare on LinkedIn

Comments

Popular Posts