Hirribaafi faayiidaa(bu'a) isaa:

Published from Blogger Prime Android App

Hirriibaa fi Madiinummaa qaamaa


Hirriibni salphaadhumatti, wantoota dhalli namaa lubbuun jiraachuuf barbaadu ta’ee, addatti hamma kan kaasuun barbaachiseef immoo, dandeettii dhukkuba of irraa dhorkuu qaamaa ykn maadiinummaa (immunity) waliin wal qabatuufi dha. Namni hirriiba ga’aa hin rafne ykn hin arganne, madiinummaan isaa/ishee gadi bu’a. [United States National Institute of Health]



Namni ga’eessi tokko hirriba ga’aa fayyaa isaaf/isheef gaarii ta’e rafaa jira/jirti kan jennu, yoo namni kun guyyaatti (sa’aa 24 keessatti) turtii sa’aa 6 haga 8 gidduu rafa/rafti ta’eedha[Hirriba guyyaatti sa’aa saddeet (8) ol rafuunis miidhaa qaba] Kanaafuu, namni guyyaa tokko keessatti sa’aa 6 gadi rafu hirriiba ga’aa argataa hin jiru jechuudha.

Mee namni rafuu barbaadee hirriibni dide ammoo yoo maal maal godhe carraan hirriiba rafuu isaa ol ka’aa ta’aaf?







  1. galgala galagala sa’atii wal fakkaataattii sireerra bahanii ciisuu.
  2. kitaabota addaa addaa dubbisaa ciisuu.
  3. hammaa hammaa sa'aatii ilaaluu dhiisuu.
  4. nyaata baay’ee yookaan ulfaataa (bulky food) gara ciisichaa deemuun dura soorachuu irra yoo kan soorannu ta’e nyaata sasalphaa nyaachuu.
  5. muuziqaa fi waantoota sagalee qaban biroo of irraa fageessuu.
  6. warreen muuziqaa dhaggeeffachuu jaallattaniif immoo #classical" dhaggeefataa ciisuu.
  7. bakkeewwan hedduu jaallatan, gola (bakka) ciisicha ofiitti suuraadhaan maxxanfachuu.
  8. ifa mana ciisicha ofii keessaa balleessuu.
  9. bunaa fi wantoota isa fakkaatan (kanneen qaama si’eessan) ciisuun dura fudhachuu dhiisuu.
  10. rafuun dura sochii qaamaa taasisuu.




Qabxiilee kudha laman(12) olii kanneen sirnaan hojiirra kan oolchinu yoo ta’e carraan hirriiba dafnee rafuu keenya ol ka’aa ta’a.


Waan dubbistaniif galatoomaa!

Fayyaan faaya!

Horaa bulaa!



Madda: https://fayyaa.net/

             :Toora Intarneetaarraa

             :Kitaabilee fayyaa namaa gara garaa irra

             :Gaazexaa(galalchaa) gara garaa irra

             : 

  1. Dr. Addunyaa,
  2. Dr. Bilisummaa,
  3. Dr. Caalaa,
  4. Dr. Gurmeessaa,
  5. Dr. Naafyaad,
  6. Dr. Nuuraddiinfi 
  7. Kan biroo.




Comments

Popular Posts