Hir'ina dhiigaa (Anemia):
Hir’ina Dhiigaa (Anemia)
Hir’ina dhiigaa jechuun yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu’e jechuudha.
Mallattoon Isaa:
1. Dadhabbii, afuurri cituu, harkii fi miilli dilallaa’uu.
2. Mataa dhukkubbii, lafti namaan maruu, waa yaadachuu dadhabuu.
3. Dha’annaan onnee oduma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaga’amuu.
4. Gurra keessaa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.
Maaltu hir’ina dhiigaa fidaa?
1. Dhiiguu qaamaa, kanneen akka balaa tasaa, da’umsaa, marsaa laguu, kintaarootii fi kkf.
2. Hir’ina viitamin B.
3. Hir’ina elementii ayirenii (Iron).
4. Dhukkuba garaachaa.
5. Raammoo garaa (hook worm).
6. Dhukkuba busaa (malaria).
7. Dhukkuba kalee yoo baayyee namarra ture.
8. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni oomishamu) miidhan.
9. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf namarra turan illee hir’ina dhiigaa ni fidu.
Nyaata kam nyaannee of wal’aannuu dandeenyaa?
1. Hundee diimaa,
2. Timaatimaa fi loomii,
3. Kuduraalee fi muduraalee,
4.Tiruu,
5.Dammaafi
6.Xaafii diimaafi kkf
Hubachiisa: Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu bunaa fi shaayii waliin dhuguu hin qabnu. Kunis xuuxamuu iron waan hir’isuufidha!
Fayyaan Waliin!
Fayyaan faaya!
Fayyaan qabeenya!
Waan dubbistaniif Galatooma!
Horaa Bulaa!
Deebana!
Waan sirreeffamu qabu yoo argitan ,karaa kamiinuu naa quunamuu dandeessuu!
Comments
Post a Comment