Koompuuterri fi Moobayiliin Ija keessan akka hin hubne

Dr. Gurmeessaa
Koompuuterri fi Moobayiliin Ija keessan akka
hin hubne:
1. Sadarkaa ifaa (brightness) koompuutera
keessanii akka inni ifa naannoo keessa
jirtanii waliin walfakkaatutti adjust
godhadhaa. Fakkeenyaaf screen computeera
keessanii fuula keessanitti akka madda ifaatti
ifa baasaa jira taanaan ol ka’aadha
jechuudha. Isin jalaa dimimissaa’ee jennaanis
rakkoodha. kanaaf ifa naannoo keessanii
waliin walfakkeessaa.
2. Yeroo baay’ee yoo yeroo dheeraaf kan
barreessitan ta’e halluun backgroun
barreeffama keessanii adii, halluun
barreefama keessanii ammoo gurraacha
ta’uun gaariidha.
3. Ija keessan daddaftanii ammaa ammaa yoo
libsattan gargaarsa guddaa kenna. Kunis yoo
libsannu qolli ija keenyaa dhangala’aa ija
keenyaaf rabsee gogiinsa irraa ittisa.
4. Ija keessaan garaagarummaa daqiiqaa 20
gidduutti haara galfachiisaa (bakka biraa
ilaalaa itti deebi’aa). Daqiiqaa 20 ol walittti
fuftanii compuutera hin laaliinaa takkaa achi
ilaalaa itti deebi’aa.
5. Fuullee ijaa kan coomputeraaf ta’u
(computer eyeglass ) bitadhaa itti fayyadamaa.
Akka kan siniif ta’u argattanitti ogeessa
yaalaa bira deemaa barreesisaa bitadhaa
6. Foddaa yokaan kallattiidhaan gara fuula
comouutera keessaniitti bantanii hin
fayyadamiinaa. Kun xiyya ifaa alaa dhufu ija
kessanitti waan garagalchuuf miidhaa guddaa
isinirraan ga’a.
7. Iji keessan miidhamee haga argaa didutti
ofirratti hin eegiinaa. Mana yaalaa deemaa ija
keessan yoo xiqqate comp yeroo dheeraaf
fayadamtu taanaan checkup godhaadhaa.
American Opthometrics Association
Dr Gurmeessaa Facebook Page .

Comments

Popular Posts