Nadhii Gammadaa

Nadhii Gammadaa Eenyuu ?

Nadhii Gammadaa(1955-) qabsaawaa mirga Oromoo fi miseensa ABOt ure. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buutensaa kan dhabame yoo ta'u du'uu ykn mana hidhaa jiraachunsaa amma yoonatti hin mirkaneeffamne.Seenaa Duuba Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa Zuwaay Dugdaatti abbaasaa Hajii husmaan Roobaa fi armeesaa Amiinaa Borseerraa bara 1955 dhalate. Maqaan dhalootaasaa Qaasim Hajiihusmaan Roobaa ture. Maqaa Nadhii jedhu kun maqaa abbaasaa kan Hajiihusmaan Roobaa ture; abbaansaa amantaa Islaamaa erga baratee booda maqaasa gara Hajii husmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaasaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraasaddeetii fi obboloota
durbaa afur qaba.Nadhiin sadarkaa tokkoffaarraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee Yuunivarsiitii Finfinnee gale.Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuf bara 1978 ABOtti makame.ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta'e.Nadhii Gammadaa bara 1993 bakka buutensaa dhabame. Nadhiin bara 1993 walga'ii ABOrratti hirmaachuf eegdotaasaa ja'a wajjin odoo gara iddoo Bokee 27 jedhamuutti odoo deemuuu bakka buutensaa dhabame. Iddoon inni itti dhabame kan Innasakoo jedhamu yoo ta'u Arsii fi Harar gidduutti argama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du'eeraf jiraansaa kan hin beekamne nama seenaa guddaa qabuudha.
madda :wikipedia

Comments

Popular Posts