Dr Gurmeessa Hinkoosaa

DR. GURMEESSA HINKOOSAA
EENYU DHA LAATA?
GAMMADAA OLAANAATIN
Uummanni Oromoon hayyoota hedduu
Oromiyaaf furmaata ta’aan akka cirracha
garbaati qaba. Hayyoonni Oromoo fi
Oromiyaan qaban ammoo beekumsa adda
addaa kan gonfatanii fi beekumsi addunyaa
kun kan keessaatti walgaheedha. Haata’u
malee hayyoota meeqatu beekumsa
gonfataan kannan sabaa fi lammii isaanii
tajaajilaa jiruu? Meeqatu ammoo beekumsa
gonfataan keessaa ba’anii uummata
burjaajessaa jiruu? Akka kooti namni hunduu
beekumsa gonfateen lammii isaa gargaruu
n idanda’a jedheen yaadaa !i. Yoo xiqqatee waan
baranneen onnanee kaanee uummata
keenyaaf yoo gumaachine jijjirama fiduu
dandeenya.
Midiyaan hawaasaa ammoo bara kana
keessa karalee ittiin ummata keenya
barsiisuufi beeksisuu dandeenyu midiyaa
Waaqni bilisaan banee nuuf kenne dha. Itti
kafaliin hin jiruu, poliisiin gulaallii (editorial)
hin jiru, maaliif barreesiteen hin jirta’u
malee of eegannoo cimaan itti fayyadamuun
barbachisaadha. Akkasumaas dhimma tokko
qofaa irratti xiyyeefchuuniis barbachisaa miti
kanuma irraa ka’uun eegaa namoota midiyaa
hawaasaa dantaa saba isaaniif fayyadmaan
keessaa dargaggoo ol deemaa dhaloota
qubee ta’e Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa waliin
wal isiin barsiisa.
Bara 1991 G.C godina Wallaggaa Bahaa
aanaa Limmuu Galiilaa ganda Leemmatti
Gootuu araddaa Jabbikaa jedhamtutti
harmeesaa aadde Xurunesh Dhugumaa fi
abbaasaa obbo Hinkoosaa Ayyaanaa irraa
dhalate. Bara 1998 G.C mana barumsaa
Makkannisa Addaamoo jedhamtutti barnoota
eegale bara 2005 G.C qormaata naannoo
kutaa 8ffaa qoramee persentaayilii 99.7
fidee gara kutaa 9ffaa tti darbe. Barnoota
sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Limmuu
Galiilaatti barate bara 2007 G.C qormaata
biyyoolessaa kutaa 10ffaa qorame. Haata’u
malee qormaata bara sanaa kan mana
barumsaa isaanii Dhaabbanni Qormaata
Biyyoolessaa (National Organization for
Examination) seera qormaata eegdanii hin
qoramne jedhee guutummaa guutuutti hojii
ala taasise. Dr.Gurmeessaa dabalatee
baraattoonni bara sana qoraman hundi
isaanii waggaa tokkoof carraa barnootaa
mulqamanii mana taa’aa baa’anii waggaa itti
aanutti akka qoraman itti murtaa’e. Bara
2008 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa
10ffaa qoraman gosa barnoota 10 keessaa
gosa barnootaa sagal “A” gosa barnootaa
tokko ( Amharic) “ C “ galmeessee qabxii
4.00 fidee gara kutaa 11ffaatti darbe.
Barnoota qophaa’inaa mana barumsaa
Limmuu Galiilaatti barate bara 2010 G.C
qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa
qoramee qabxii 546 fidee gara yuuniversiitii
darbe. Yeroo sanatti kaarikulemii
international ta’een ‘Medicine’ kan barsiisu
eegale jiru mana barumsa ‘Saint Paul
Hospital Medical College’ waan ta’eef
dorgommiidhaan seenee barnoota Medicine
itti fufe. Bara 2015 ji’a Ebla keessaa
qormaata qualifying exam qoramee darbee
maqaa/title dooktorummaa fudhate. Akka
gosi barnoota isaanii gaafatutti
eebbifamuudhaaf title dooktorummaa
fudhatanii erga hojiitti seenanii booda
waggaa tokkoof “ intern doctors “ jedhamanii
hojjachuu qabu egaa sana xumuree
eebbifamuuf amma ji’oota lamatu isa hafa.
Yeroo ammaa kana Hospitaala Phaawuloos
(St.Paul hospital) keessaa hojjechaa jira.
Gara facebook seenee page ofii isaatii
duraan Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa boodana
ammoo Dr. Gurmeessaa jedhamu banee.
Barnoota akka kennu kan na taasise jedha
Dr.Gurmeessaan “Inni guddaan fedhii fi
jaalala ani fayyaa irratti lammiikoo jijjiiruuf
qabuufi haala amma uummanni Oromoo
waa’ee fayyaa ilaachisee keessa jiruudha.
Dhaloonni qubee dhugaa dubbachuuf
dhaloota dubbisuufi dhaloota jijjiirama
dheebotu akkasumas dhaloota teknooloojii
waliin wal simate waan ta’eef carraa kanatti
fayyadamee waanan baradhe saba koo
barsiisuun anaaf ergamaaf imaanaa
Oromummaati jedheen yaada. Hospitaala
keessa taa’ee dhukkubsataa yaaluun hojii
kooti malee qabsoo miti.
OSOO HOSPITAALA HIN DHUFIIN
MANATTI, OSOO HIN DHUKKUBSATIIN
FAYYAATTI, LAMMIIKOOF QAQQABUUN
GARUU ANAAF QABSOODHA! –Dr.
Gurmeessaa
“Kana galmaan gahuuf ammoo daandiin ani
ammaaf argadhe karaa facebookiiti.
Dhaloonni qubee meeshaan isaanii inni
guddaan social media(Marsaa sabqunnamti)
dha. Ni dubbisu, yaada kennu, ni gaafatu,
abbootii fi harmoolii keenya dubbisuu hin
dandeenyeef ammo dubbisanii ibsu jedheen
yaade, isaanis taasisaa jiru kanaaf
duddubatti waanti na deebisu hin jiru
dhaloota qubee waliin fuulduratti
tarkaanfanna.” jedha. Yeroo ammaa kana
Pagen Dr.Gurmeessaa jedhamu hordoftoota
kuma 20 kan qabu yoo ta’u namootni hanga
ammatti #Like hin godhiin jallachuudhan
odeefannoo fayyaa keessanii argachuu
dandeesu.
Hanga ammaatiis gosoota dhukkubaa 16 ol
irratti barreefamoota qopheesee uummatni
isaa fayyaa qabeessa akka ta’u tasisaa jira
kanneen keessaas;
1. Mataa Dhukkubbii (Headache).
2. Dhukkuba Vaayirasii Tiruu (Viral hepatitis)
3. Dhukkuba Ka’uu Dadhabuu Qaama Saalaa
Dhiiraa (Impotence)
4. Dhiibbaa Dhiigaa (Hypertension)
5. Garagaarsa Jalqabaa Namoota Dhiigaa
Jiraniif (First aid)
6. Funuuna ykn Dhiiguu Funyaanii (Nasal
bleeding or epistaxis)
7. Dhukkuba Sukkaaraa (Diabetes)
8. Akkaataa Ittisa Ulfaatina Qaamaa Itti
Hir’isan (How to Loose Weight)
9. Dhukkuba Kintaarootii (Hemorrhoid)
10. Gaggabdoo (Epileptic seizure)
11. Mala Ittisa Da’umsaa Uumamaa
(Periodic abstinence family planning
method)
12. Mala Ittisa da’umsaa Hatattamaa
(Emergency contraceptives)
13. Marsaa Laguu (Normal menstrual period)
14. Kuunuunsa Dubartoota Ulfaaf Godhamuu
qabu (Care for pregnant women’s)
15. Dhiibbaa Dhugaatiin Alkoolii Qaama
Keenyarratti fidu. (Problem of Alcohol
Addiction)
16. Mallattoolee Nama Fayyaa (dha’annaa
onnee, hargansuu, dhiibbaa dhiigaa)
Dhukkuboolee kannen armaan olii keessaa
kan Garagaarsa Jalqabaa Namoota Dhiigaa
Jiraniif (First aid) jedhe inni barreese
hangam haala hamaa yeroo ammaa
Oromiyaa mudatee keessatti lubbuu namoota
meeqa akka baraare dubbachuun nama hin
dhibu. Eegaa Dr.Gurmeessaan kana gochuu
isaatti uummanni Oromoo faayidaa olaanaa
gama fayyaan argateera jedheen yaada gara
fulduraatiis akka itti fufee fayyaa hawaasa
isaa eeguu waadaa seenera. Mee namootni
ogummaa adda addaa irratti bobbaatanii
jirtaan uummata na barsiisee sadarkaa
kannan na ga’eef bu’aa maalii buuusaan jira
of gaafadhaa. “Beekumsa Lammii ofiitiif hin
taane maaliree bu’aan isaa” jedhe mitiree
Wellisaan keenya Kabajamaa Dr.Ali Birraa.
Fuula Dr. Gurmeessa Hinkoosa hordofuu hin
dagatina. Odeefannoo fayyaa fi egumssa
fayyaa ilaalchisee fuula Facebook Dr.
Gurmeessaa hordofuun waa hedduu akka
irraa barattan abdiin qaba.
Madda:www.bilisummaa.com

Comments

Post a Comment

Popular Posts