Dr Abiyyii Ahimad

Dr Abiyyii Ahimad

Dr. Abiy Ahimad Ministira mummee
Itoophiyaa ta'uun mana maree bakka
bu'oota uummataatiin erga raggaasifaman
booda haasawa taasisaniin, cee'uumsi
aangoo kun carraa boqonnaa seenaa biraa
waan ta'eef miira ittigaafatamummaa
olaanaan itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.
Kanaan duras seenaa biyyattii keessa
carraawwan boqonnaa siyaasaa haaraa
eegaluu argamanii turan hedduusaanitu
haalaan fayyadamu osoo hindanda'amne nu
harkaa bahaniiru, jedhaniiru.
Waqtiin kunis yeroo itti dogongora keenya
darbeerraa barachuun biyya keenya gara
sadarkaa fooyya'aatti itti geessinudhas
jedhan.
Akkuma milkaa'inni hedduun ture, qaawwi
atattamaan furamuu qabaatan baay'een akka
jiran ni amanna kan jedhan Dr. Abiy Ahimad,
uummanni Itoophiyaa uummata seenaa
qabudha jedhan.
Yaadaan waldhabuun abaarsa miti. Garaa
garummaan <script async src="//pagead2.googlesyndication.com/pagead/js/adsbygoogle.js"></script>
<script>
  (adsbygoogle = window.adsbygoogle || []).push({
    google_ad_client: "ca-pub-4035710406519146",
    enable_page_level_ads: true
  });
</script>yaadaa akkuma jiruutti
waldhaggeeffachuufi kaayyoorratti
hundaa'uun waliigaluun yoo danda'amees
garaagarummaan yaadaa eebba nuuf fida.
Yaada waldiddaa keessaa falli ni argama.
Wal ta'umsi humna. Yeroo tokko taanu ni
cimna. Tokkummaan biyya waan ijaaruuf
rakkoon hinfurre hin jiraatu, waan biyya
ijaarruufuu,'' jedhaniiru Dr Abiyi.
Haa ta'u malee, yaadni kiyya qofti
fudhatamu malee du'een argama jechuun,
biyya bira dabrees, maatii diiga, kan jedhan
Dr Abiyyi, Itoophiyaan biyya hunda keenyaa
waan taateef sirna ijaarsa dimokraasii
sagaleen hunda keenyaa itti dhagahamu
cimsinee itti fufna jedhan.
Akkasumas, ''Nuti warra bilisummaafi
dimokraasii argachui qabnuudha. Kanaafuu
biyya kamiyyuu caalaa gaaffiin dimokraasii
gaaffii jiraachuu akka ta'eetti amanna,''
jechuun ijjannoo barbaachisummaa
dimokraasii irratti qaban kan ibsan.
''Dimokiraasiin bilisummaa malee hin
yaadamu. Bilisummaan kan dhalootan
argatan malee kennaa mootummaan
ummataaf kennu miti. Heerri keenyas
mirgoota kanneeniif beekkamtii kan kenne
yoo ta'u, keessumaa mirgoonni namoomaafi
dimookiraasii keessumaa mirga yaada ofii
ibsachuufi gurmaa'uu akka heera biyya
keenyaatti kabajamuu qabu. Hirmaannaan
lammiilees mirkanaa'uu qaba. ''
Motummaan tajaajilaa ummataati, kanaafuu
ummannis tajaajilaa isaa filachuuf,
gaafachuufi qeequuf mirga guutuu qaba
jedhaniiru Dr Abiyyi.
Keessattuu hirmaannaa dargaggootaa malee
biyyattii eessayyu gahuu akka hindandeenye
ni hubanna jedhan Dr Abiyi, ''Itoophiyaa
biyyaa dargaggootatti abdii uumtu malee kan
abdii kutachiiftu akka hintaaneef kan
danda'ame hunda hojachuuf waadaa galla,''
jedhaniiru.
Akkasumas gaaffiin dargaggootaa kan
dinagdee fi fayyadamummaa qofa osoo hin
taane, gaaffii dimookiraasii fi haqaatis
jennee amanna jedhaniiru. Kana galmaan
gahuu irrattis hanqinni ture jedhan.
''Biyyi keenya guddina diinagdee galmeessaa
akka turte beekamus, fedhii dhaloota haaraa
jijjiiramaa jiru hanga barbaadame garaa
gahaa hin turre. Kunis ummanni keenya
akka ijibbaatu godheera. ''
Kana malees lammilee seerri biyyattii hunda
keenyaa haala walqixaan ta'een kan ilaalu
ta'u qabaatas kan jedhan ministirichi, kan
mirkanneessuf ammoo fooyya'insa
barbaachisaa taasisuudhaan hir'inoota jiran
gutuuf ni hojjana jedhaniiru.
Dhimmoota 10 ministira muummee
haaraa irraa eegaman
Lammiileen qe'ee isaanirraa buqqa'an
ilalachisees dhimmi akkasii lammata akka
hin mudanne ni hojjenna jedhan. Lammiilee
biyya alaa jiran koottaa biyya misoomsaa
jedhaniiru.
Waggoota muraasa darban keessaa haala
cimina dhabiinsa dimookiraasii biyyattiin
walqabateen badiinsii lubbuu lammiileefi
qabeenyaarra qaqqabe ture salphaa hinturre.
Kanas hundi keenyaa hambisu kan qabnuufi
nurra ture.
Haala kana keessatti falmattoota mirgaa,
namoota siyaasaa fi dargaggoota
guddattoota jijjirama barbaachafa jecha
karaatti hafan akkasumas maatiifi namoota
sababa kanaaf gaddaafi miidhaa qaamaaf
saaxilamanif dhiifama onneerraa maddeen
gaafadha. Akkasumas kabachiiftoota
nageenyaa adeemsa keessa aarsaa
kanfalanif kabajaa fi dinqisifannaa qabu
ibsuu barbaada, jedhaniiru. Rakkoolee
umamaniif furmaata kennuun ummata
keenya akka gammachifnuuf waadaan gala,
jedhaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyya
ambaatti argamtan hundi onneerraa dhiifama
walii taasisuun miira walitai'nsa
biyyaaleessatiin gara boqonnaa ifaatti waliin
akka socha'aniifis waamicha taasisaniiru.
Oggantoonni paartilee siyaasa
dorgomtootaanis, paartilee ADWUIn alatti
argaman kan ilaalu akka mormiitootaa osoo
hintaane akka dorgomtootaatti, akka diinaatti
osoo hintaanee akka obbooleessaatti, walitti
qabaa lammii biyya jaalatuufi yaada filannoo
qaba jechuu dhufeetti jedhaniiru.
Kanaafuu paartilee siyaasaa yaalii
domokiraasii cimsuun dirree yaandi
bal'inaan itti kessumeefamu mijeessuu
keessatti motummaa waliin akka hojataniif
waamicha taasisaniiru.
''Walidiiddaan Eritiraa waliin waggoota
dheeraaf ture akka hiikamu ni barbaanna.
Waldiddaa ummattoota biyyoota lamaanii
bu'aa qofa osoo hintaane dhiigaan illeen
walitti hidhama qaban jiddu jiruu karaa
mariitiin hiikuuf ni hojjana. Mootummaan
Eritiraas tarkaaffii walfakkaatu akka
fudhatuuf waamicha kiyyan taasisaaaf,''
jedhaniiru.
Gama kaanin, Imbaasiin Ameerikaa
Finfinneetti argamu ibsa baaseen, filannoo
Dr. Abiy akka simatuufi riiformii
dimookiraasii fi dinagdee mootummaan
saffisaan raawwatuuf jedhu akka deeggaran
akkasumas labsii yeroo muddamaa hinkaasa
jedhanii akka yaadan ibseera.https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43615876

Comments

Popular Posts