Kaansarii Ulaa ( Cervical Cancer )
Kaansarii Ulaa Gadameessaa
(Cervical Cancer)
Kaansariin ulaa gadameessaa
kaanseriiwwan biraa irraa
karaa hedduu garaagarummaa
qaba.
1. KA’UMSI ISAA
BEEKAMAADHA
Inni jalqabaa kaansariiwwan
hedduu waantoota namatti
fidan adda baasanii beekuun
hin danda’amu. Kaansariin
ulaa gadameessaa garuu
vaayirasii Human Vapilloma
Virus jedhamuun namatti
dhufa. Vayirasiin kun gosoota
hedduu qaba. Kan dhukkuba
kana namatti fidan garuu gosa
lama. HPV 16 fi HPV 18 kan
jedhamanidha. Vaayirasiin kun
kan namaa namatti daddarbu
karaa WALQUNNAMTII
SAALAA ti! Vaayirasiin kun
erga nama qabatee booda
waggoota hedduu booda
qaama ulaa gadameessaa
gara kaansariitti jijjiira. Kan
vaayirasii kanaan qabaman
hundi kaansariin hin hubaman.
Gariin akkasumaan
vaayirasichi keessaa bada
gariin ammo turee gara
dhukkuba kanaat
ti deema.
2. ITTISUUN NI DANDA’AMA
Waan tokko yoo ka’umsi isaa
beekame ittisuun isaa ni
danda’ama jechuudha. Inni
jalqabaa qunnaamtii saalaa
namoota hedduu waliin
raawwachuu irraa of
eeguudha. Yoo kan hin
danda’amne ta’e imoo
koondoomii fayyadamuu
qabna. Haata’u malee
vaayirasiin HPV jedhamu kun
qunnaamtii saalaa of
eeggannaa hin qabne
raawwachuu baatan illee
argami (prevalence) isaa
bay’ee olka’aa waan taheef
dubartoota hedduu keessatti
ni argama. Kanaafuu
qunnaamtii saalaa irraa of
eeggachuu qofti gahaa miti.
Inni lammaffaa qorannoo
dhukkuba duraa (screening)
isa jedhamudha. Dhukkubni
kaansarii ulaa gadameessaa
yeroodhaan argamnaan
yaalamee fayyuu danda’a.
Yeroodhaan argamuuf garuu
waggaa murtaa’e keessatti
osoo hin dhukkubsatiin mana
yaalaatti deddeebi’anii
qoratamuu (screening)
gaafata. Biyyoota guddatan
keessatti qorannaan kun
dubartoota hundaaf yeroo
yeroodhaan kennama.
Obbolaaniif harmooliin keenya
garuu carraa kana hin qaban.
Kanaaf dhukkubni kaansarii
ulaa gadameessaa akka
kaanseriiwwan biroo biyyyoota
guddatan osoo hin taane kan
hubu biyyoota guddataa jiran
kan tahe. Biyya keenya
keessatti dubartootni tamboo
xuuxuun baratamaa ta’uu
baatus tamboo xuuxuun
waantoota dhukkuba kanaaf
sababa dabalataa ta’an
jedhamanii yaadaman keessaa
tokko kanaaf tamboo xuuxuu
irraas of qusachuun
barbaachisaadha.
3. MALLATTOOWWAN ISAA
Dhukkubni kun mallattoo
garaa garaa akkuma
jabaachaa deemeen ni
argisiisa. Namni
mallattoowwan kana qabu
dhukkuba kana qaba jechuu
miti, dhukkuboonni sasalphoon
mallattoo sana fidan hedduun
waan jiraniif. Kanaaf
mallattoowwan kana yoo
ofirratti argan deemanii mana
yaalaa dhukkuba kana adda
baasuu danda’utti ilaalamuun
yoo dhukkubooota sasalphaa
sana ta’es miidhaa kan hin
qabneefi yoo dhukkuba kana
ta’emmoo faayidaa guddaa
kan qabudha. Bu’aan yaalii
dhukkuba kanaa akkuma
armaan olitti ibsame sadarkaa
dhukkubiichi irra jiru irratti
waan hundaa’uuf warri dafee
argame fayyadamaadha.
Mallattoowwan akka
walqunnamtii saalaa booda
qaamni saalaa dhiiguu,
dhukkubbii yeroo qunnamtii
saalaa duraan hin jirre dhufuu
marsaan laguu dhufee
deemee osoo lammata immoo
hin deebi’iin gidduutti dhiiguu,
marsaan laguu sababa
umuriin erga dhaabbatee
booda qaamni saalaa deebi’ee
dhiiguu, dhukkubbii garaa gara
gadii mallattoowwan kana
waliin wal qabatee dhufu fi
kkf. dha.
4. YAALA ISAA
Biyya keenya keessatti yeroo
hedduu mana yaalaa kan
deemamu erga mallattoon
ba’ee irratti mullatee booda.
Kun ammo yeroo baayyee
erga dhukkubni kun fagoo
deemee fi yaaluun isaa
rakkisaa ta’etti. Yeroo
mallattoo argisiisees tahu
gara mana yaalaa dhufan
sadarkaa dhukkubichi irra jiru
irratti hundaa’ee yaaliiwwan
garaa garaa ni kennama.
Qorichaan ( chemotherapy),
xiyyaan ( radiotherapy),
baqaqsanii muraniii
baasuudhaan (surgery),
yokaan ammoo walitti qabanii
(yaaliiwwan kanneen)
kennuudhaan yaalama. Sun
gahee ogeessa fayyaa fayyaa
yaaluu yoo tahu, dafnee
deemuun immoo gahee
keenya.
Comments
Post a Comment